ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025
Waraanni impaayerattii godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Dambaqaa Iftuu keessaa Waxabajjii 9, 2025 nama maqaan isaa Obbo Abdulmaalik Sheek Mohaammad jedhamu konkolaataadhaan mana isaa dhaquun reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda konkolaataa keessa buusuun mooraa waraanaa magaalaa Abboomsaatti geessuun reebichaa fi dararaa adda addaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Obbo Abdulmaalik nama guddaa fi jaarsa gaaddisa biyyaa, akkasumas hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun jireenya isaanii fooyyeffachuuf carraaquun alatti hidhatas ta’e hariiroo qaama siyaasaa tokkollee akka hin qabne kan ibsan maddeen, ergamtoonni mul’ata uummata Oromoo ajjeesuu fi dararuu qofa irratti fuulleffatanii socho’an ammoo maqaa WBO tumsita jedhu itti maxxansuun gara siyaasaatti harkisanii hidhuun dararaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees sarbamiinsi mirga namoomaa aanicha keessatti daran hammaachuun ganda Wataroo-Diinoo araddaalee kanneen akka Diinoo, Harooretti, Baaladii Baqullaa, Ilaala, Qoocicha Ittisaa fi Xeenxichoo jedhaman keessatti waraanni sirnichaa qabeenya uummataa hedduu saamuun hawaasa mana isaanii keessaa ari’anii godaansisaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

