ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024
Waraana Gaazaatti gaggeeffamaa jirutti xumura gochuuf Israa’el wixinee waraana dhaabuu haaraa Hamaasiif dhiyeessuu ishee Pirezidaantin US Joo Baayidan dheengadaa beeksisan.
“Waraana kanatti xumura gochuun yeroon isaa amma” kan jedhan Baayidan, Hamaas yaada haaraa Israa’el dhiyeessite kana akka fudhatus gaafatan.
Yaadi waraana dhaabuu kun gulantaa sadiin kan hojiitti hiikamu ta’uun kan ibsame yoo ta’u, marsaa jalqabaan waraanni ji’a ja’aaf dhaabatee loltoonni Israa’el Gaazaa bakka namoonni itti heddummatanii akka bahan kan jedhuudha.
Deggarsi namoomaa heddumminaan Gaazaa akka seenuu fi namoota butaman muraasaa fi lammiilee Filisxeem mana hidhaa Israa’el wal-jijjiiruu kan jedhus jira.
Yeroon booda Gaazaatti waraanni guutummaatti dhaabatee, Gaazaa deebisanii ijaaruu kan jedhutti geessa.
Hamaas yaadicha “waan gaaridha” jechuun ibseera.
Pirezidaant Joo Baayidan, Caamsaa 31,Waayit Haawusii akka ibsanitti, marsaa jalqabaan dhukaasni dhaabatee humni waraana Israa’eel Gaazaa bakka namoonni itti heddummatan keessaa akka bahuu fi namoota Hamaas bute, Filisxeemota mana hidhaa Israa’el jiran wajjin wal-jijjiirun akka gaggeeffamu kaasan.
“Kuni dhugumatti yeroo murteessadha. Hamaas dhukaasni akka dhaabatu akka barbaadu ibseera. Hamaas garaa isaarraa dhukaasa dhaabuu barbaaduu fi dhiisunsaa kan ittiin baramu kun carraa gaaridha,” jedhan Baayidan.
Dhukaasa dhaabuun kun deeggarsi namoomaa caalmaatti Gaazaa akka seenu carraa guddaa kan banu ta’uu ibsuun, guyyaatti konkolaatonni 600 deeggarsa Gaazaa akka seensisaniif carraa akka banu dubbatan.
Gulantaa lammaffaa irratti loltoota Israa’el dabalatee namoonni Hamaasiin butaman hundi gadi lakkifamu. Yeroos dhukaasa dhaabuu kan jedhu gara “guutummaan waraana dhaabuutti” ce’a jechuudha.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez jijjiirama argame gammaduu isanii ibsuun “Gaazaatti waraana dhaabuun yeroon isaa amma” jedhan.
Gulantaa sadaffaan wixinichaa ammoo lammiileen Israa’el butamanii harka Hamaas jiran kan du’an yoo jiraatan reeffi isaanii akka deebi’u, akkasumas deeggarsa US fi hawaasa idil-addunyaan Gaazaa deebisanii ijaaruun akka gaggeeffamu kan jedhu of keessaa qaba.
Muummeen Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gama isaaniin Hamaas hanga dhabamsiifamutti waraanni akka hin dhaabbanne dubbatan. Hamaas waraanaanis ta’e humna bulchiinsaan deebi’ee Gaazaa keessa akka hin dhaabbanne barbaadu. Kana hanga milkeessanitti duubatti akka hin deebine dubbatan.
Joo Baayidan garuu Hamaas ammatti dandeettii fi humna waraanaa ittiin haleellaa jabaa gaggeessu hin qabu jechuun Hamaas dadhabuu ibsan.
Sanadi gulantaa gulantaan Gaazaatti waraana guutummaatti dhaabuu qophaa’e karaa Kaatar Hamaas bira gahuun ibsame jechuun NBC News gabaaseera.

