ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024
Heeraa fi seeronni impaayeera Itoophiyaa barreeffamaan jiran kan hojiirra oolmaan isaa dhugummaan isaa hin beekamne osoo jiruu, abbaa, haadha obbolaa fi firoonni qabsaa’aa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa qaban, sababa qabsaa’aa sanaaf itti gaafatama jala galanii ajjeefamuu, saamamuu, hidhamuu, manneen jalaa gubachuu fi dhabamsiifamaa akka jirantu mul’ata.
Bifuma kanaanis jaarsa biyyaa fi jaallatamaa kan ta’e namni maqaan isaanii obbo Fiqaaduu Qajeelaa jedhaman godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Buundii Daalleetti dhalachuun achuma ganda sana keessatti maatii horatanii jiraachaa akka turan dubbatu.
Obbo Fiqaaduun maaliif sabni Oromoo mirgi namummaan isaa kabajamuu dhabe jechuun bara sirna EPRDF keessa mormii sirnicha irraa qabuu yeroo dubbachaa turetti, manneen hidhaa impaayeerattii keessatti argamu, Qaallittii fi Qilinxoo keessatti darbatamuun irra deddeebiin hidhamaa akka turanis ni himama.
Erga sirni EPRDF aangoo impaayerattii irraa mormii qeerroon bilisummaa Oromoo taasisaniin kufee asis, akkuma faashistiin abbaa irree koloneel Abiy Ahimed gara aangootti dhufeen mana hidhaa ona Qilxuu Kaarraatti deddeebiyee akka hidhamaa tures jiraattonni ONM dubbises himan.
Yeroo ammaa kanas baatii 2’n darban qe’ee isaatii waraanni gabroomfataan PP barii barraaqaan deemanii qabuun gara bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraatti geessanii kan turan yoo ta’u, erga Sanaa jiraa fi du’aa dhoksuun maatiin eessatti akka barbaadan dhabanii akka jiran dabaluu ONM’tti himaniiru.

