Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa keessatti riqichi daandii aanaa Ayiraa fi Gullisoo walquunamsiisu loltoota murna PP’n gubachuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Murni maqaa mootummaan aangoorra jiru, dimokiraasii afaaniin faarsuu malee yeroo tokkoof hojiitti hiikee kan hin beekne, bilxiginnaan diiguu malee ijaaruu kan hin feene porojektii qarshii miliyeenaa hanganaan jalqabneerra jechuun, miidiyaatti ba’anii uummata gurra hoo’isuu malee  uummataaf waan qabatamaa rawwatanii kan hin agarsiisne  korma afaanii ta’uun uummata goyyomsaa oolu.

Haaluma kanaan murni mootummaa ofiin jechuun uummata Oromoo dararu kun, daandii ganda godina Lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa fi aanaa Gullisoo wal quunnamsiisu, riqicha guddaa hawaasni itti ba’ee humnaa fi maallaqa isaa itti baasuun ijaarratee irra ce’uun walitti deemee hawwwasummaas ta’e jireenya isaa geggeeffatu Waxabajji 4, 2024 waraanni sirnichaa itti bobba’uun, boba’aa itti firfirsuun abidda itti shidanii barbadeessuun gargar kutanii jiru.

Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota aanaa kana lamaa dubbise jedhanitti, silaa Riqicha ijaaruu, daandii baasuun, ibsaa fi manneen yaalaa ijaaruun uummataasaaf waan gaarii raawwachuun hojii mootummaa biyya tokko bulchuu ture, amma garuu sun hafee kan hwaasni humna isaanii fi maallaqa isaanii itti baasanii ijaarratan abidda itti qabsiisuun barbadeessee jira.  Kun ammoo abdii kutannaa keessa jiraachuun waan qabanii fi gad dhiisan wallaalanii gocha badii kana raawwachaa jiru jedhu jiraattonni kun.

Kana malees lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin bakkoota hundatti raawwachaa jiraniin WBO’n dhukaasaan reebaa waan jiruuf mo’amanii galuu isaaniin dadhabuun hawaasa nagaatti aarii ba’aa jiru kan jedhan jiraattota aanaa kanaati.

Exit mobile version