Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa wallagaa aanaa Gullisoo keesatti ijaarsa kooriderii jechuun manneen uummataa diigaa jiraachuu maddeen ONMf ifoomsan

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo magaalaa Aayiraa fi gandoota magaalichaa garaagaraa keessatti murni faashistii Bilxiginnaa maqaa misooma kooridarii fi bareedina magaalaa jedhuun manneen jiraattotaa beenyaa tokko malee diigaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Murni faashistii Bilxiginnaa sababoota garaa garaa qopheessee jireenya dhala namaa mancaasaa kan jiru yoo ta’u, Muddee 20, 2025 mana uummatni dafqa isaa itti lolaasee ijaarrate kaffaltii seeraa tokko malee aangoo isaaniitti dhimma ba’uun jalaa diiganii uummata jireenya gadadoof saaxilaa jiru.

Saba isaaniif naasuu tokko kan hin qabne ergamtoonni aangoo nam-tokkee utubuuf halkanii fi guyyaa ifaajan heeraa fi seera jiru daandii isaa irraa maqsuun akka fedha isaaniitti hacuucanii bulchaa akka jiran dubbatu.

Kaabinootni sirnichaa dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuudhaaf, waan hawaasa tajaajilan fakkaatanii sabicha gidirsaa akka jiran itti dabaluun dubbatu.

Akka jiraattotni haala nageenya isaaniif maqaan isaanii akka hin dha’amne yaada isaanii Arraata Biyyoolessa oromiyaaf ibsanitti waggootan sadii oliif ijaarsa seera qabeessa hin taaaneen qabeenyaan keenya diigamee manca’aa tureera, garuu waanti nuuf kaffalame hin jiru, ammas dararri kun nurraa hin dhaabbanne jechuun miira gaddaan yaada isaanii dubbatu.

Murni akka baduuf jedhu amanee jiru ofiis badee uummatas balleessuuf murteeffatee gochoawwan seeraan alaa kutaalee Oromiyaa maratti waraana isaa bobbaasuun, impaayerattii irratti gubbaa hanga jalaatti ijaarsa tolfatanii dhala namaa rakkoo hamaaf saaxilaa jiraachuun isaanii dhugaa mul’atuudha.

Exit mobile version