ONM-ABO Muddee 30, 2025
Aanaa Sooraa Magaalaa Roobaleetti gochi aangaa’onni mootummaa faashistii PP caasaalee gadi jiran shiftoota waraana isaanii waliin qe’ee uummataatti bobba’anii gochaa jiran mufii kaasee jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattotni himanitti magaalaa Roobaleetti guyyaa gaafa Muddee 27, 2025 caasaleen murna faashistii PP dallaa uummata diigaa turuu jiraattonni kan himan oggaa ta’u, sababni diiggaa qabeenya uummataa kunis kaffaltii gibiraa kaffaluu diddan maqaa jedhuun akka ta’es ibsameera.
Murni Bilxiginnaa aangoo isaa da’eeffachuun qabeenya uummataa kan mancaase ta’us, uumanni gibira baatii baatiin gaafatamu bakkeewwan itti kaffaluu dadhabaa jiruttis moggaatti dhiibamuun rakkoof saaxilamaa akka jirus itti dabaluun addeessaniiru.
Kana malees gochi dhiittaa mirga namoomaa garaagaraa uummata Oromoo aanichaa irra gahaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, shiftoonni abbaa irree PP uummata bakkeewwan tokko tokkottis buqqisaa akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

