Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Addunyaarratti namoonni miliyoona 120 humnaan qe’ee isaanii irraa buqqa’an galmee haaraa ta’e jedhe UN

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024

Dhaabbanni Baqattootaa  Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) akka jedhetti, humnaan buqqa’uun ammas riikardii cabsuu himuun,  waraanni Gaazaa, Sudaan fi Miyanmaar keessatti geggeeffameen namoonni  hedduun qe’ee isaanii akka baqatan taasiseera.

Lakkoofsi ummata addunyaa irraa buqqa’e amma kan Jaappaan waliin walqixa ta’uu ibsi ba’e ni mul’isa.

Hoogganaan baqattootaa  Mootummoota Gamtoomanii Filippo Grandi gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, “Waldhabdeen buqqa’iinsa jumlaa baay’ee, baay’ee guddaa ta’ee jira.”

Akka gabaasa UNHCR’tti dhuma bara darbeetti namoonni miiliyoona 117.3 qe’ee isaanii irraa buqqaa’aniiru.

Dhuma baatii Eblaatti lakkoofsi kun daran ol ka’ee, addunyaa guutuutti namoonni miliyoona 120’tti tilmaamaman buqqa’iinsa keessa akka jiraatan taasiseera jedha gabaasni kun.

Lakkoofsi kun waggaa tokko dura miiliyoona 110 kan ture yoo ta’u, waggoota 12’f walitti aansuun dabaleera.

Bara 2012 irraa eegalee sababa rakkoolee haaraa fi guddachaa jiran walitti makaman akkasumas rakkoolee yeroo dheeraaf turan qulqulleessuu dhabuu irraa kan ka’e dachaa sadii ta’uu danda’a jedha UNHCR.

Giraandiin waggoota saddeet dura yeroo hoogganaa ta’u, lakkoofsi kun akka hin turree fi   lakkoofsa buqqa’iinsa guddaa kanaan akka ajaa’ibsiifate AFP’tti himeera.

Grandi rakkoolee mul’atan dabaluu isaanii, akkasumas jijjiiramni qilleensaa sochii uummataa fi waldhabdee dabalaa jiru irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu adda baaseera.

Bara darbe UNHCR biyyoota 29 keessatti labsii hatattamaa 43 kan labse yoo ta’u, kunis lakkoofsi waggoota muraasa dura ture dachaa afur ol akka ta’e ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himaniiru.

Keessattuu, Grandi “akkaataa waldhabdeen itti gaggeeffamu … guutummaatti tuffachuudhaan” seera idil-addunyaa, fi “yeroo baay’ee kaayyoo addaa namoota shororkeessuuf” jechuun hubachiiseera.

“Kun buqqa’iinsa dabalataaf gumaacha cimaa akka qabu beekamaadha” jedha.

”Ji’oopoolitikaa idil-addunyaa keessatti jijjiiramni yoo jiraate malee, kan nama dhibu, dhugumatti lakkoofsi kun ol ka’uu itti fufee akka jiru nan arga,” jedhan.

Dhuma bara 2023’tti namoota miliyoona 117.3 buqqa’an keessaa namoonni miliyoona 68.3 biyya isaanii keessatti buqqa’uu isaanii gabaasni Kamisa kaleessaa kun ni mul’isa.

Gama biraatiin lakkoofsi baqattootaa fi kanneen biroo eegumsa idil-addunyaa barbaadan gara miiliyoona 43.4tti ol guddateera jedheera.

UNHCR baqattoonni fi godaantonni biroo hundi gara biyyoota dureeyyii ta’anitti akka deeman yaada jedhu mormeera.

“Baqattoonni harki guddaan biyyoota kan ofii isaanii ollaa ta’an keessatti kan keessummeessaman yoo ta’u, dhibbeentaan 75 biyyoota galii gadi aanaa fi giddu galeessaa qaban kanneen walitti qabaman galii addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 gadi argamsiisan keessa jiraatu,” jedheera.

Waraanni biyya keessaa Sudaan lakkoofsi kun akka dabalu taasiseera.

Erga waraanni kun Ebla bara 2023 jeneraalota wal morkatan gidduutti ka’ee as namoota miliyoona sagal ol kan buqqa’an  yoo ta’u, dhuma bara 2023’tti lammiileen Sudaan gara miliyoona 11 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqifamuu isaanii UNHCR beeksiseera jechuun howafrica.com gabaaseera.

Exit mobile version