ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Sirni cubbuu hin sodaanne kan teessuma aangoo isaaf jecha gocha hawaasa gadadootti hambisu raawwatu Oromiyaa mara keessatti jabeessee itti fufee kan jiru yoo ta’u, sababa kanaanis namoonni danuun manaaf qabeenya isaanii ala ta’aniiru.
Hsaluma kanaan guyyaa dheengaddaa waxabaajjii 12, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Heellaa Gallabee Amajaa keessatti waraanni PP uummata nagaan isinitu wbo Nyaachiisee nu lolchiisaa jira jechuun manneen obbolaa 3 jalaa gubuu fi qabeenya isaanii guutuu saamanii jiru jedhu jiraattonni gandichaa.
Namoonni qe’ee fi qabeenya isaanii dhaban maqaan isaanii Musxafaa Arabii, Haajii Fadiluu Arabii fi Hasuu Arabii kanneen jedhaman yoo ta’u, manaa fi qabeenyi isaanii guutummaatti barbadaa’uun harka qullaatti hafuus jiraattonni kunneen dabaluun dubbatu.
Walumaa galatti gubachuuf saamamuu qabeenyaa namoota kanaan maatiin isaanii yaaddoo hamaa keessa akka jiran kan himan maddeen, uummanni Oromoos akka cinaa dhaabbatan dhaammataniiru.
Akkuma beekamu waggaa tokkoo asitti uummanni godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa harki walakkaan manneen isaanii jalaa gubachuu fi saamamuun bakkeetti bahanii akka gargaarsa barbaadan kan beekamuudha.

