Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee ona Makkootti waraanni impaayera Itoophiyaa dargaggoota Oromoo hedduu haala suukanneessaan ajjeesuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024

Yakkoota gara jabinaa jabbiileen impaayera dullattii ilmaan Oromoo irratti geggeessaa oolan garmalee suukanneessaa fi tilmaama kan hin qabne ta’uun uummanni akka malee qe’ee isaatti miidhamaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee ona Makkootti waraanni sirna  gabroomfataa dhiiga ilmaan Oromoon taphachuu mi’eeffate dargaggoota kudhan bakka tokkotti haala suukanneessaa ta’een ajjeesuun himame.

Dargaggoota maqaan isaanii ammaaf adda hin bahin nama kudhan (10) qabuun waajjira poolisii onichaatti torbanoota lamaa oliif erga garmalee dararanii booda bakka bosona Bookaa jedhamutti torbee tokko dura kurnanuu rasaasa itti roobsuun bakka tokkotti ajjeesuun himame.

“Reeffa dargaggoota kanaas akka namni hin barree fi achii kaasee hin awwaalleef, tiksitoonni sirnichaa itti naanna’anii waardiyaa itti ba’uun hanga har’aa eegaa jiru.

Bakki isaan itti dargaggoota kana ajjeesan magaalichatti dhiyoo waan ta’eef, namni kamuu bakka sana akka hin deemneef dhowwaa turan. 

Dargaggoonni kun gandoota onichaa kanneen akka: Gaazii, Arbuu Abbaa Gadaa, Waatoo Golbee fi kanneen biroo irraa kan ukkamfamanii fi eenyu akka isaan ta’an baruun nu dhibeera” jechuun namni itti dhiyeenyaan hordofaa ture tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Kana malees, Waxabajjii 8, 2024 humni goolessaa kun jiraattota gabaa dhaqan barsiisota magaalichaa dabalatee hedduu isaanii reebuun dargaggoota rifeensa dheeraa qaban akkuma bara Wayyaanee sanatti qaruuraan irraa haadaa turan.

Dargaggoo maqaan isaa Tolasaa Darajjee jedhamuu fi kan maqaan isaa adda hin baane tokko qaxxamuraa ittiin huccuu muraniin mataa isaanii dhoosuu namoonni ijaan argan himaniiru.

Exit mobile version