ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Uummata Oromoo lafarraa duguugee fixuuf waraana isaa bobbaasee jiraattota haala suukaneessaa ta’een ajjeesaa kan jiru Konolel Abiy Ahimad godina Baha Wallaggaa ona Jimmaa Arjootti dargaggoota sadii ajjeesuun ibsame.
Gaafa Waxabajjii 14, 2024 ona Jimmaa Arjoo ganda Meettaa jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Gaarummaa Qana’aa jedhamu yommuu hidhan, ganda Badhaasaa Dhidheessaa irraa immoo dargaggoo Moosisaa Abbabaa kan jedhamu qabuun waajjira Poolisii onichaatti dararaa hamaa irraan gahaa turuun, ona Nuunnuu Qumbaa ganda Daallattii irraa dargaggoo maqaan isaa Adam Guutuu jedhamu qabanii dargaggoota kanatti dabalanii reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda halkan tokko qofa bulchanii ona Jimmaa Arjoo ganda Badhaasa Dhidheessaa jedhamutti Waxabajjii 15, 2024 sadan isaanii bakka tokkotti ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Onichatti murnoonni bilxiginnaa yakkoota gara jabinaa adda addaa guyyuma guyyaan raawwachaa akka jiran jiraattotni irra deddeebiin iyyachaa jiraachuun ni beekama.

