Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar keessatti Waraanni PP hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, manneen gubuu, saamichaa fi reebicha raawwatan

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Uummanni Oromoo kallattii hundaanuu sirna abbaa irree fi warreen isaan hidhachiifaman finxaaleeyyii Amaaraa gidduutti waggoottan jahan kana keessa roorroon hangana hin jedhamne irra gahaa kan jiru yoo ta’u, isaanis yeroo adda addaattii fi bakka adda addaatti tiksitoonni PP fi hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa kun waliin ta’uun walii galteen uummata saamaa, ajjeesaa, manneen gubaa, buqqisaa, dararaa akkasumas haala suukkannessaa ta’een uummata cidhaaf ba’ee mana tokko keessa jiru jumlaan fixuun duguuggaa sanyii karooraa fi xiinxala guddaan itti yaadanii raawwachaa jiru.

Gochoota badaa waraanni goolessaa bilxiginnaa fi hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa wal ta’uun Waxabajjii 13, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Jirruu Daadaa jedhamtu keessatti raawwataniin namoota 4 yoo ajjeesan, manneen 6 ol ta’anis gubanii akka barbadeessan barameera.

Godinuma kana keessatti Waxabajjii 13, 2024 aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajii Ejersaa bakka addaa Qilinxoo Bitaa jedhamu keessatti re’oota saamanii Baabura midhaaniis gubuun akka barbadeessantu himama.

Namoota kanneen keessaa kan maqaa arganne:- Bultoo Dheeressaa jalaa re’oota 8, Dheeressaa Kabbadaa  jalaa re’oota 8, Tafarii Mokonnoon jalaa tumaaleeyyii gurguddoo 5 jalaa yoo saaman Gonfaa Girmaa jalaa immoo Baabura midhaanii gubuu isaanii jiraattotni gandichaa himan.

Aanuma kana ganda Faajii Ejersaa bakka addaa Luugoo  jadhamu keessattis guyyuma wal fakkaatu Raggasaa Dammuu jalaa re’oota 8 fuudhuun nama Raggaasaa Shallamaa jedhamu immoo kana dura ilma isaa jalaa ajjeesanii Kan turanii fi ammas reebicha hamaa irratti gaggeessanii qabeenya mana keessaa caccabsuun garii immoo cufa isaa akka jalaa saamanii deeman jiraattonni himaniiru.

Exit mobile version