ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
Waraana impaayerattii keessatti waggoota ja’a irra darbee Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota bilxiginnaa waliin taasifamaa jiruun dhibbaa dinagdee fi humna namaan kufaatiirra kan ga’e mooraan PP, miseensotni isaa abdii irraa kutachuun ganaa jiru.
Akka kanaanis Lixa Shaggar aanaa Ambootti kaleessa Waxabajjii 26, 2024 waraanni faashistii PP 3 qawwee fi hidhannoon gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaniiru.
Loltoonni kunneenis meeshaa AKM 3 rasaasa 270 fi hidhannoo mooraa bilxiginnaa keessaa baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Yeroo itti waraanni Bilisummaa Oromoo seerota idila addunyaa eeguun booji’amtoota raayyaa ittisa impaayeerattii dhiifamaan gadhiisaa jirutti yakkoonni gara jabummaa sirni bilxiginnaa uummata nagaa irratti guyyaa guyyaan taasisaa jiru kan isaan quuqe sabboontonni ilmaan Oromoos mooraa cubbuu sirnichaa ganuun WBO’tti akka dabalaman himan.
Akka miseensonni raayyaa ittisa impaayeerattii mooraa sirnichaa ganuun dhufan himanitti, gareen faashistii PP ” bu’aa siyaasaa argachuuf jecha diraamaa hololaa,” dalagee maqa balleessii irraa tolfachuun Oromoo duguuguudhaaf kaayyeefatee hojjechaa jira jechuun himan.
Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii kunneen Lixa Shaggar aanaa Amboo irraa gara gandoota baadiyyaatti sochii taasisaa jiruun hawaasa nagaa miidhaa turre, badiin hawaasni dalage waan hin jirreef hawaasa nagaa ajjeesuun nurraa hin eegamu jennee sadii taanee WBO’tti dabalamne jechuun dubbataniiru.

