Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti milishaan sirnichaa tokko loltootuma isaaniin yoo ajjeefamu, milishoonni 5 ammoo hidhaman

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Koloneel Abiy Ahimed fi ergamtoonni isaanii dargaggoota Oromoo fi qonnaan bultoota abbaa maatii ta’an maatii isaanii irraa akkasumas dargaggoota barumsa isaanii irraa dirqamaan bakkoota adda addaa irraa raayyaa ittisa impaayeerattiitti makuuf yoo leenjisan, maanguddoota ammoo milishummaa erga leenjisanii booda meeshaa itti kennuun fedhii isaanii malee hojii waraanummaa irratti akka bobba’an gochaa turan.

Taateewwan kana keessatti erga meeshaa itti hidhanii ammoo ilaalcha WBO qabdu jechuun har’a iddoowwan adda addaatti hidhaa fi ajjeechaa suukkanneessaan irratti raawwatamaa jira.

Roobii darbe jechuun Waxabajjii 26, 2024 Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti miseensonni raayyaa ittisa Impaayeerattii jedhaman milishoota baayinni isaanii ja’a ta’an meeshaa irraa hiikuun harka isaanii duubatti hidhanii magaalaa keessa akka hattuutti qonnaan bultoota dirqamaan meeshaa itti hidhan kana salphisaa akka turan jiraataan gocha kana ijaan argee fi hordofaa ture tokko ONM’tti himeera.

Milishoota kanneen keessaa tokko borumtii isaa gaafa Kamisaa Waxabajjii 27, 2024 magaalaa Baantuu keessatti ajjeesanii gatuu fi namoonni karaarraa kaasanii akka hin awwaalles  dhorkuu fi kanneen biroo shan hidhuu jiraataan maqaan isaa akka tuqamu hin feene kun dabaluun dubbata.

Hanga ammaatti milishoonni shanan (5) hafan sunis ajjeefamaniif dhiisaniin hin beekamu, lafti isaan geessanis hin argamne jechuun, sirnichaaf ergamuun booddeen isaa salphina kanaa olii qaba jechuun ONM’tti himeera.

Exit mobile version