ONM-ABO Adoolessa 2, 2024
Murni bilxiginnaa uummata Oromoo cabsee siyaasa irraa yoon duubatti deebise malee aangoo irra bubbuluu hin danda’u jechuun maqaa WBO waliin quunnamtii qabdu jedhuun duula ajjeechaa uummata Oromoo irratti bane raawwachaa jira.
Koree ajjeechaa angaa’onni sirnichaa qindeessaniin dhumaatiin sabicha irratti labsamee jiru seenaa gurracha ta’ee kan mul’achaa jiru yoo ta’u, kunis xiiqiin hawaasicha sochoosaa jira.
Hawaasa karaa deemus ta’e ooyiruu irratti akka bineensaatti itti qiyyaafachuun kan ajjeesu waraanni faashistii PP godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti gara jabummaa isaaniin namoota nagaa lama rasaasaan rukutuun ajjeesanii deemuun beekameera.
Bifuma kanaanis Waxabajjii 28, 2024 aanaa Dugdaa ganda Tuchii Sumayaanitti waardiyyaa lafa qonnaa kan ta’e dhalataa Shaashamannee kan maqaan isa Tasiruu jedhamu balleessaa tokko malee ajjeefamuus jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Aanuma Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaatti ammoo Shamarree maqaan ishee Caaltuu jedhamtu waraanni gabroomfataa PP qabuun hiraarsaa erga turanii booda gara jabummaan ajjeesanii gatanii deemuus itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

