ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Murni maraatummaan isaa daangaa darbee jiru Bilxiginnaan afaaniin maqaa araaraa fi nageenyaa labsaa karaa harka duubaatiin ammoo saamicha, hidhaa fi ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatu jabeessee itti fufee jira.
Bara bulchiinsa Abiy Ahimed keessa namoonni nagaan kabajaa namummaa isaaniif malu dhabuun, keessattuu daa’immanii qabee hanga maanguddootaatti haala safuu hawaasaa cabsuu fi gadda qe’ee namootaatti naquun ajjeechaa akkaan suukkanneessaa ta’e raawwachaa jira.
Hawaasa Oromoo keessatti dur maanguddootaaf kabajni guddaan kan maluu fi iddoo olaanaa kan qaban yoo ta’u, bara kana garuu hanga ilmoo bineensaa illee kabaja dhabuun ajjeefamaa jiru.
Bifuma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda Baqalee Girrisaa iddoo addaa Waacuu jedhamu keessatti Sadaasa 16, 2024 jaarsolii biyyaa lama kanneen maqaan isaanii Araarsoo Salbaanaa fi Beenyaa Foollee jedhaman haala suukkanneessaa ta’een qe’ee keessatti guddatanii kabaja qaban keessatti rasaasa loltoota Abiy Ahimediin ajjeefamuu jiraattonni himanii jiru.

