• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti waraanni faashistii PP ajjeechaa suukkanneessaa namoota lama irratti raawwachuu ONM odeeffate 

Jul 5, 2024

ONM-ABO Adoolessa 2, 2024

Murni bilxiginnaa uummata Oromoo cabsee siyaasa irraa yoon duubatti deebise malee aangoo irra bubbuluu hin danda’u jechuun maqaa WBO waliin quunnamtii qabdu jedhuun duula ajjeechaa  uummata Oromoo irratti bane raawwachaa jira.

Koree ajjeechaa angaa’onni sirnichaa qindeessaniin dhumaatiin sabicha irratti labsamee jiru seenaa gurracha ta’ee kan mul’achaa jiru yoo ta’u, kunis xiiqiin hawaasicha sochoosaa jira.

Hawaasa karaa deemus ta’e ooyiruu irratti akka bineensaatti itti qiyyaafachuun kan ajjeesu waraanni faashistii PP godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti gara jabummaa isaaniin namoota nagaa lama rasaasaan rukutuun ajjeesanii deemuun beekameera.

Bifuma kanaanis Waxabajjii 28, 2024 aanaa Dugdaa ganda Tuchii Sumayaanitti waardiyyaa lafa qonnaa kan ta’e dhalataa  Shaashamannee kan maqaan isa Tasiruu jedhamu balleessaa tokko malee ajjeefamuus jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Aanuma Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaatti ammoo Shamarree maqaan ishee Caaltuu jedhamtu waraanni gabroomfataa PP qabuun hiraarsaa erga turanii booda gara jabummaan ajjeesanii gatanii deemuus itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading