ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Caasaan bilxiginnaa afaaniin nagaa labsaa lafa jalaan ammoo duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti labsuun gochoota gara jabinaa adda addaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, Godina Lixa Shaggar aanaa Midaaqanyii ganda Guddataa Gabaa Lagaa jedhamu keessatti Adoolessa 1, 2024 badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun nama maqaan isaa Obbo Biraanuu Abdiisaa jedhamu “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun meeshaalee inni mana keessaa qabu guutummaa isaa waliin mana isaa jalaa gubanii barbadeessuun maatii isaa qorraa fi rooba gannaa keessatti hambisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti namni kun gochaa isaan ittiin yakkan kana kan hin raawwannee fi waraanni sirnichaa namoota kaaniif fakkeenya haa ta’u jechuun qe’ee maanguddoo kanaa akka mancaasanis dabaluun ibsaniiru.

