Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jiraattota Godina Qellem Wallaggaa irratti reebichi waraana sirnichaan raawwatame

ONM-ABO Adoolessa 18, 2024

Faashistoonni murna bilxiginnaa ilmaan namaaf naasuu tokko hin qabne uummata Oromoo irratti dararaa jabaa geggeessuun jiruu fi jireenya hawaasa nagaa gooluu itti fufan.

Ergama dabaa kolonel Abiy Ahimed irraa fudhachuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti kan bobbaafaman tiksitoonni imphaayera Itoophiyaa guyyaa irraa gara guyyaatti hidhaa, saamicha, ajjeechaa, reebichaa fi qe’ee uummata nagaa ibiddaan barbadeessuun hawaasa nagaa hiraarsaa kan jiran, gochoota diinummaa isaanii ilmaan Oromoo irratti hammeessanii jiru.

Haaluma kanaan waaranni goolessaan bilxiginnaa kun Adoolessa 16, 2024 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Abbaa Jaarraa keessatti miseensa waraana keenyaa  nama 3’tu nu keessaa bade, karaa isaan irra deeman nu agarsiisaa jechuun namoota nagaa gocha isaanii malee reebicha hamaa irratti raawwachuun miidhaa qaamaa jabaaf saaxilanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Namoota waraana sirnichaan reebamaa turan keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e; Tamasgeen Tasfaayee, Qajeelaa Gabiree, Tolawaaq Qajeelaa, Toomaas Kidaanee, Solomoon Raggaasaa, Yoonee Ittafaa fi namoonni hedduun kan maqaan nu hin ga’in akka jiran barameera.

Kana malees namoota midhaan daaksifachuuf mana baabura midhaanii jiran mana baaburaa keessaa gadi baasuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuu maddeen dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version