ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Egeree sabootaaf yaaddoo kan ta’e murni Bilxiginnaa karaa tokkoon sobanii hawaasa ilaalcha WBO qabdaan hidhuu, boodarra ammoo qarshii hanga kana fidi jechuun maallaqa hawaasni qabaatee hin beekne waan qaban gurgursiisuun irraa saamuun qaawwaa dinagdee isaanii harkatti kufe ittiin cufachaa jiru.
Adoolessa 17, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukutee keessaa murni bilxiginnaa namoota nagaa maqaan isaanii Obbo Kuubaa Iggazuu, Obbo Iyyaasuu Damisee fi Tashoomaa Xaafaa jedhaman badii tokko malee qabanii mana hidhaa magaalichaatti gidirsaa akka jirantu himama.
Namoonni kunneen namoota siyaasa keessaa quba hin qabnee fi umuriidhaan illee shantamoota keessa jiran jechuun jiraattonni ibsan.

