Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti diinaa du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Irree fi gaachana sabaa kan ta’e WBOn Cibraa Hambaa Aanoolee cichitoonni kaayyoo haqaa waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobba’uun uummata dararan haxxee itti hidhee rasaasan bobeessuun adabuu itti fufee jira.

Akka kanaanis kaleessa Adoolessa 18 qaqqaaliiwwan sabaa loltoota sirna nam-tokkee tiksuuf dhamaatu tarkaanfii gugubduu irraatti fudhaataniin loltoota Abiy Ahimed 14 ajjeessuun 9 madeessee injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Ergamtootni Bilxiginnaa kun haleellaa irra ga’een booda reeffaa fi madoo ishee harree hawaasaa iddoo dheedaatii walitti yaasuun itti fe’atanii gara magaalaatti galuun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version