Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamiitti jiraattonni nagaan waraana faashistii PP’n hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun jabaate 

ONM-ABO Adoolessa 21, 2024

Uummanni Oromoo mirga uumamaa isaa sarbamee imphaayerattii keessatti sabaa fi sab-lammii biroo irraa addaan fo’amuun humnaan cunqurfamee yakka tokko malee hidhamuu, saamamuu, ajjeefamuu fi gidirfamuun jabaatee itti fufeera.

Akkuma kanaanis jiraattonni godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii rakkoolee jajjabaan waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin irratti taasifamu jabaachuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistuu fi hariiroo waliin uumtanii jirtuun dhiiraa fi dhalaan manneen hidhaatti  jumlaan guuramanii jiraachuu jiraatoonni dubbatu. 

Aanaa Gidaamii ganda Alam jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii Ashannafii Immiruu, Seenaa Immiruu, Malkaamuu Bulii abbaa maatii, Kaasahuu Gaaddisaa abbaa maatii fi Aadde Roomaanee Malataa haadha maatii ijoollee 6 kan qaban yakka tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa waraana faashistii PP’n butamuun manneen hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa jiru.

Dabalataanis rakkooleen haalaan jabaan hawaasa onichaa gandoota adda addaa keessatti waraana faashistii PP’n saamicha, godaansaa fi reebichi jiraattota irratti taasifamaa jiraachuus itti dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version