ONM-ABO Adoolessa 26, 2024
Murni gabroomfataan imphaayera Itiyoophiyaa kutaalee Oromiyaa adda addaatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf hadheessuun yakkee: ajjeesuun, hidhuun, saamuun, mana irratti gubuun, ari’ee qe’ee fi qabeenya irraa godaansisaa gama biraan uummaticha sabaa fi sablammoota waliin walitti buusuun bu’aa siyaasaa keessaa argachuuf guyyaa guyyaan dararaa ulfaataa ta’e irratti raawwachuu itti fufaniiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa milishoota Guraagee waliin ta’uun manneen uummataa 25 ol gubuun ibsameera.
Adoolessa 24, 2024 ganda Birbirsa Guddaa Saabolee, Dongorootaa Guuzaa fi Guuza Baalaminoo jedhaman irraa namoota maqaan isaanii:
- Indaalaa Hayile Maariyaam
- Qorichoo Leencoo
- Indaalaa Lammaa
- Biraanuu Duumessaa
- Ifaa Biraanuu
- Ifaa Korbuu
- Guutaa Doonii
- Boollaa Aabbee
- Jifaaraa Kurfaa
- Najjii Galdaa
- Goobanaa Doonii
- Qaccee Ayyanoo
- Siidaa Biqilaa fi namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu jalaa badii tokko malee manneen jireenyaa digdamii shanii ol gubuu jiraattonni gandoota kanneenii himan.
Akka jiraattotni gandoota kanneenii dubbisne tokko tokko jedhanitti waraanni faashistii imphaayera Itiyoophiyaa magaalaa Maqii irraa ka’uun milishoota Guraagee makatanii gara gandoota 3’n kanatti bobbaafamuun manneen uummataa dirqamaan gubsiisanii godaannisa hamaa ta’e saboota gidduutti uumanii jiru jedhan.
Yeroo ammaa kanas jiraattonni ganda Birbirsa Guddaa Saabolee, Dongorootaa Guuzaa fi Guuza Baalaminoo jedhaman duula duguuggaa sanyii uummata irratti labsameen rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuun beekamee jira.

