ONM-ABO Adoolessa 31, 2024
Waraanni dantaa murna tokkoo qofaa eeguuf Oromiyaatti bobbaafamaa jiru, badii isaan geggeessaa jiran hawaasa Oromootti ba’aa ulfaataa ta’uun, uummanni Oromoo nagaan qe’ee isaa irra jiraatu maqaa WBO deggertan, ilmaan keessan’tu keessa jiraa fi kanneen biroo maqaa itti dha’uun hidhuu, saamuu, godaansisuu fi ajjeechaa irratti raawwatan jabeessaniiru.
Bifuma kanaanis jiraattuu godina Arsii Bahaa aanaa Gololchaa kan taate Aadde Nuuriyaa Hasan haadha ilmaan lamaa daa’ima hoosistu waliin maqaa abbaan warraa kee miseensa WBO’ti jedhuun qabanii dararaa jiraachuu ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti ona Gololchaa bulchiinsa magaalichaatti namoonni baay’inni isaanii 100 ol ta’an maqaa ilaalcha WBO qabdu jedhuun baatii 3 fi isaa ol hidhamanii jiraachuun kan beekamu ogguu ta’u, namoonni maqaan isaanii nu ga’e muraasni: Misbaa Shimallis, Maafis Abdii fi Seefaa Aliyyii ta’uun barameera.
Keessattuu gandoota baadiyyaa maqaan isaanii: Haroo, Caancoo fi Dingaa-dhiibuu jedhamu keessaa jumlaan hidhamanii akka jiran ONM odeeffateera.

