Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti murnoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 2, 2024

Murni PP loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Gammannee jedhamu irraa Adoolessa 28, 2024 waraanni PP maatii qabsaa’otaa  badii tokko malee sobaan yakkuun mana hidhaatti galchanii dararaa jiru.

Namootni hidhamanii jiran maqaan isaanii:

  1. Karrituu Bal’inaa,
  2. Dirribee Kabbadaa,
  3. Ejersoo Ittafaa fi
  4. Gibboo Abdiisaa kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota kunneen ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ONM’f eeranii jiru.
Exit mobile version