Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti loltoonni faashistii PP jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024

Loltoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkanii ukkaamsuun achi  buutee dhabamsiisuu fi jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, loltoonni faashistii PP  godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu magaalaa Kiiramuu keessaa sababa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkuun nama maqaan isaa Biraanuu jedhamu torban darbe keessa walga’ii hawaasaa irratti gaaffii waan gaafateef qofa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jechuun reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen eeranii jiru.

Akka maddeen jedhanitti, aanicha keessatti dhiibbaan mirga namoomaa garmalee finxaaleeyyii Amaaraa fi loltoota sirnichaan kan heddummatu ta’uu himuun, dargaggoota maqaa adda addaa itti maxxansuun hidhaatti darbachuun cimee kan itti fufe ta’uu dubbatu.

Exit mobile version