ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Waraanni Abiy Ahimed namoota nagaa jiruu fi jireenya mataa isaanii geggeeffatan irra yakkoota barbaadanii yemmuu irraa dhaban ofii isaaniin yakkoota uummanni keessa hin jirre irratti uumuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuun ji’oota hedduuf garmalee dararuu jabeessuun godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti hawaasa nagaa badii tokko malee hidhuun miidhaa hawaasdinagdee irraan ga’aa jiru.
Haaluma kanaan, Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti loltoonni faashistii PP haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa hidhuu fi reebuu cimsanii itti fufuun hawaasni yaaddoo jireenyaa keessa seenee jira.
Fulbaana 2, 2024 ganda Lalisaa Diimtuu jedhamtu irraa dargaggoota maqaan isaanii:
- Daani’el Bayyanaa,
- Amanaa Birraatuu,
- Cammiruu Ofga’aa,
- Dabalaa Cammiruu fi
- Alamuu Taayyee kanneen jedhamanii fi namoota hedduu kan maqaan isaanii adda hin baane ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggoota kana irratti reebichi hamaa ta’e geggeefamuu fi “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu itti dabaluun dubbataniiru.

