ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn har’a Hagayya 15 Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Guullallee ganda Nya’aa Soolee jedhamu keessattii tarkaanfii waraana impayeera Itoophiyaa irratti fudhateen 8 du’aan 21 madoon dandammii hin qabneen adabee jira.
Tarkaanfii kanaanis loltoota PP 3 harkaan yoo qabu tikoota ganda Areeree fi ganda Daalattii Rimeettii keessaa nama dararan hidhannoo guutuu waliin dhuunfatanii jiru.
Gama meeshaatiin AKM 4 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

