ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Namoota fayyaalessa hubannoo siyaasaa hin qabne karaa irraa qabanii mana hidhaa galchuun guyyootaaf erga tursiisanii booda jumlaan baasanii ajjeesanii bakkeetti gatanii bineensa nyaachisuu fi namoota itti waamanii ilaalchisuu hojii isaanii isa hangafaa godhachuun dhiiga ilmaan Oromootti qoosaa jiru.
Guyyaa kaleessaa Hagayya 20, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee keessatti dargaggoota ja’a mana hidhaa irraa baasuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii bakka tokkotti gatuu jiraattonni ijaan argan ONM’tti himan.
Namoota ajjeefaman kana keessaa hanga gabaasni kun qindaa’etti dargaggoo Darajjuu Jootee Fooqaa kan gandi dhaloota isaa Kuchuu ta’e keessatti akka argamus jiraattonni ONM’f eeran.
Namoota ajjeesan kanneenis bakka tortoraa fi bineensi nyaachuu danda’utti gatuu jiraattonni himuun, namoonni kaasanii akka hin awwaallannes gochaa turan jedhan.

