Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti ergamtootni bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa qabuun achi-buutee dhabamsiisuu jabeessan

ONM-ABO Hagayya 23, 2024 

Murni bilxiginnaa godinaa hanga aanaatti jiran sodaa lubbuu isaanii fi garaa isaanii guddifachuuf jecha namoota nagaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti jechuun hidhaa kaasee hanga ajjeechatti golee Oromiyaa cufa keessatti jabeessanii jiru. 

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti maatii qabsaa’otaa hidhuun achi-buutee dhabamsiisuun jabaatee jira.

Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Angar irraa guyyaa dheengaddaa Hagayya 21,2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Firehiwoot Kaasahuun  fi 
  2. Naanboon Boggaalee kan jedhaman, lamaanuu miseensa maatii tokkoo haadha fi ilma yoo ta’an waraanni faashistii PP halkan sa’a 09:00’tti mana itti cabsanii seenuun ukkaamsanii deemuun hanga ammaatti eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabalataan, guyyuma kana Hagayya 21, 2024  aanichuma  ganda Odaa Guddinaa jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Ittaanaa Baabuu,
  2. Tanaanyee Tasammaa,
  3. Aadde Warqinash fi
  4. Tsahaayee Tamasgeen kan jedhamtu ijoollee ishee nama sadii (3) maqaan isaanii: 
  5. Isaanboon Dassee, 
  6. Wabii Dassee fi 
  7. Marsimooy Dassee jedhaman waliin waraanni faashistii PP mana jireenyaa isaaniitii qabuun yeroo ammaa haala isaan keessa jiranii fi eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu jiraattotni itti dabaluun himaniiru.
Exit mobile version