Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti waraanni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu fi qabeenya uummataa saamuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 10, 2026 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Burii jedhamtu keessatti gaafa Amajjii 4, 2026 ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa qabeenya uummataa saamuu fi maatii qabsaa’otaa hidhuu, reebuu akkasumas achi buutee dhabamsiisuu jabeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Haaluma kanaan loltoonni PP qunnamtii WBO qabdu jechuun nama Aaddee Tarfaatuu Badhaasaa jedhamtu fi kanneen hanga eeruun kun qindaa’eetti nun qaqqabne hedduu jalaa qabeenya danuu saamuun beekame jira.

Maatii qabsaa’otaa sababa ilmaan keessan galchaa jedhuun hidhaatti dararamaa jiran keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Obbo Barkeessaa Tufaa 
  2. Obbo Caalaa Abuluu,
  3. Obbo Jiraataa Gammachuu 

jedhamanii fi kanneen maqaan isaanii nun qaqqabne hedduun achi buutee dhabamanii jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru .

Murni faashistii Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa maratti lolaan WBO injifachuu wayita dadhaban uummata harka duwwaatti ol’ duubi’uun reebicha, hidhaa, mannneen maatii qabsaa’otaa gubuu akkasumas saamicha, hanga ajjeechaatti sarbamiinsa mirgoota namoomaa garaagaraa raawwachaa jiran daran jabeessanii jiraachuun ragaan kan mul’atudha.

Exit mobile version