Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti saamichi uummata nagaa irratti raawwatu hammaachuu jiraattonni himan

ONM-ABO Hagayya 30, 2024

Gareen maqaa mootummaan aangoo irra jiru bilxiginnaan, nagaa biyyaa eeguu fi rakkoo hawwaasicha furuun dirqama isaa ta’ee osoo jiruu faallaa isaatti argamuun lammii isaa saamuun, nagaa uummata booressuun, hidhuu fi ajjeesuun ba’uu fi galuu uummataatti yaaddoo ta’uun rakkoo hamaa keessa uummata galchanii jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan waraanni Bilxiginnaa Hagayya 28, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii Ganda Acciwoo jedhamutti bobba’uun hawaasa nagaa reebichaa fi saamicha hamaa irratti raawwachuun nama maqaan isaa Masgabuu Alamuu jedhamu jalaa dukkaana isaa cabsanii mi’a qarshii 30,000’tti tilmaamamu saamaniiru.

Kana malees Mul’ataa Jamboolaa jalaas mi’a qarshii 25,000 fi bilbila guddaa tokko yoo fudhatan Abduurkariim Ayyaanaa jalaa ammoo qarshii 8,000 fi mi’a mana keessaa saamaanii jiru.

Namoota bira ga’an mara uleen dhaanaa turuun uummata hiraarsaa kan turan waraanni faashistii kun maqaa WBO itti maxxansuun daa’immanii hanga maanguddootaatti rakkisuun uummatatti jireenya hadheessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Exit mobile version