ONM-ABO Fulbaana 2, 2024
Saamicha irratti xiyyeeffachuun loltoonni fi kaadiroonni PP yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa ati deggaraa WBO’ti fi maatii qabsaa’otaati jedhuun, namoota nagaa mana hidhaatti galchuun boodarra ammoo maallaqa namni sun hin qabne itti murteessuun kan qabu kaffalee yoo ba’u kan hin qabne ammoo mana hiraarsaa sirnichaa keessatti gidirfamaa jira.
Haaluma kanaan aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessaa namoota maqaan isaanii:
- Baayeessaa Tubbaa
- Caalaa Magarsaa
- Gammachuu Daggafaa
- Raggaasaa Dibaabaa fi
- Dibaabaa Alamuu kanneen jedhaman maallaqa qarshii kuma dhibba lama lama kaffaltan malee hin baatan jechuun mana hidhaa keessatti gidirsaa jiraachuun beekamee jira.
Akka jiraattonni jedhanitti namoonni kunneen namoota siyaasa keessaa hin qabnee fi sababuma ilmaan isaanii qabsaa’ota ta’an qofaaf maallaqni kun itti murtaa’uu dubbatu.
Akka kanaanis namoonni kunneen hanga gabaasni kun qindaa’etti hidhamuun isaanii torban tokkoo ol ta’uu fi hanga ammaatti maallaqa jedhaman kana kaffaluu dadhabuun hiraarfamaa jiraachuu dabaluun himaniiru.

