ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Hidhattoonni Finxaaleeyyii Faannoo kanneen naannoon Amaaraa keessatti of ijaaruun lolatti jiran magaalaa Matammaa qabatan jedhamuun naannichi muddama nageenyaa jala galuun himame.
Hidhattoonni Faannoo magaalaa naannawwaa daangaa Itoophiyaa fi Sudaanitti dhiyoo argamtu Matammaa to’achuu isaanii hordofee aanga’oonni naannoo Baha Sudaan Al-Qadariif jedhamu, Dilbata daangaa Galaabaat cufaniiru.
Miidiyaan ‘Sudaan Tribiyuun’ jedhamu maddeen waraanaa wabeeffachuun akka gabaasetti, aangawoonni Sudaan humnoonni nageenyaa Itoophiyaa hidhannoo isaanii erga hiikkatanii booda gara Sudaan akka galan hayyamaniiru.
Gama biraatiin, miseensonni Faannoo naannoo sana jiranis lammiileen Sudaan daangaa irratti qabaman gara Itoophiyaatti akka ce’an hayyamaniiru.
Wal waraansi Sudaan Ebla bara darbe erga eegalee as lammiileen Sudaan kumaatamaan lakkaawwaman karaa Gaalaabaat gara Itoophiyaatti ce’aniiru.
Daangaan Matammaa Galaabaat biyyoota lamaan gidduu jiru kun sababa waldhabdee naannoo sanatti irra deddeebiin uumamuun yeroo baay’ee cufamaa tureera jedha Addis Standard gabaasa miidiyaalee wabeeffatee baaseen.
Adoolessa 2022 keessa, loltoota Sudaan torbaa fi nama nagaa tokko naannawaa daangaatti ajjeefamuu isaanii hordofee ji’a tokkoof erga cufamee booda deebi’ee banamuun himame.
Oduu biroon ammoo ammoo, dhimma hidha laga Abbayyaaf Misir tarkaanfii fudhachuurraa qaamni duubatti deebisu akka hin jirretti dhaadatte.
Masriin sababii hidha guddicha Itoophiyaan Laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtuutiin nageenya bishaan ishee mirkanneessuudhaaf tarkaanfii barbaachisu fudhachuudhaaf mirgan qaba jette.
Masriin kana kan jette xalayaa karaa Ministeera Dhimma Alaa fi Jallisii biyyattii haaraa, Dr Baadaara Abdulaatiin, Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtooman (UN)’tti ergiteetiini.
Ministirichi xalayaa Dilbata dheengaddaa Fulbaana 1, 2024 pirezidantii mana maree nageenyaatiif barreessan irratti, imaammata dhuunfaa Itoophiyaa Hidha Guddicha Haaromsaa irratti qabdu Masriin gutummaa guutuutti hin fudhattu jedhan.
Masriin xalayaa ergaa cimaa qabate kana mana maree nageenyaatti kan ergite erga waraannishee Somaaliyaa keessa buufachuudhaan mudamni Gaanfa Afriikaa keessatti umamee guyyoota muraasaan boodadha.
Waliigalte waraanaa dhiheenya kana Moqaadishoo fi Kaayiroon waliigalan hordofee Masriin loltootashee Somaaliyaatti bobbaasuun ni yaadatama.
Kana hordofuunis Itoophiyaa fi Somaaliilaandi waraanni Masrii Somaaliyaa keessa akka qubatan taasifamuun, Somaaliyaa fi waliigala Gaanfa Afriikaa keessatti tasgabbii fi nageenyi yaaddeessaadha jechuun ni yaadatama.
Xiyyaaroonni waraanaa Masrii loltootaa fi meeshaa waraanaa fe’an lama erga Moqaadishoo qubatanii booda, ibsa Ministirri Dhimma Alaa Itoophyaa baaseen mootummaan Somaaliyaa ”qaamolee nageenya godinichaa booressuu barbaadan waliin hojjataa jira” jechuun himate.
Biyyoonni Gaanfa Afrikaa jechoota walitti darbannaa irra darbanii gara waraanaatti siqachuun biyyoota Afrikaa kanneen biroof yaddeessaa ta’uu miidiyaaleen gabaasaa jiru.

