Guyyaa har´aa Hogganootnii fi Qondaalotni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waggaa afurii oliif manneen hidhaa Bilxiginnaa gara garaa keessatti gidirfamaa turtan, baga maatii fi firoottan keessan nagaan argitan isiniin jenna. Tarkaanfiin fudhatame bu´aa qabsoo akkasumas dhibbaa kallaattiifi al-kallattiin mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo gochaa jiruu akka tahe shakkiin hin jiru. Ibsa gabaabaa kanaan, murtoon siyaasaa Bilxginnaan fudhatame kun akkamitti akka hubatamuu qabuufi sababoota ijoo Bilxiginnaa dirqan irratti xiyyeeffanna.
- Murtoon siyaasaa kun «hoggana ABO hidhaa irraa baase» jechuun dogoggora. Hogganni siyaasaa kun funyoon hidhaa dheerefameef malee ammayyuu to´annaa Bilxiginnaa jala jiru. Deebi`anii hidhamuu dandahu; nageenya isaaniif wabiin hin jiru. Hogganoonni KFO waggaa lama dura bahan biyya jiraachuu hin dandeenye. Jaal Battee Urgeessaa mana «hidhaarraa si baafne» erga jedhanii booda rasaasaan reebanii ajjeesani.
- Hogganni siyaasaa kun yakka tokko malee ejjaannoo siyaasaa qabataniin qofa hidhaman. Kumaatamoota ammallee hidhaa jiran dabalatee, yaakka isaan irratti raawwatameef Bilxiginnaan gaafatama guutuu fudhata. Seeraanis, seenaanis yeroo isaa eeggatee ni gaafatama.
- Ganna afur dura yeroo hogganni kun hidhaman, ABO fi KFOn, walumaa gala hawaasni siyaasaa Oromoo karaa nagaa Bilxiginnaa mormu, carraa humna jabaa ijaaruu qabaachaa ture. Kun akka hin taane, har´a Bilxiginnaan waan hedduu balleesseera. ABOn wajjira tokko qabaatee akka hin soochone taasifameera. Hogganni isaa akka manca
u taeera. Kanaaf, ammatti hidhuu fi dhiisuun dhiibbaan siyaasaa Bilxiginnaa irraan gahu hin jiru tuffii jedhuun murtoo murtaahe dha. Filannoonis yoo gahe (yoo achi geenyeef), diraamaa Bilxiginnaa seeressuurra (legitimize gochuurra) waan darbee waanti godhan hin jiru herrega jedhuun murtaahe. Tuffii partilee hangafa Oromoof qaban irraa ka`uun murtoo siyaasaa fudhatame dha. - Waraanni Bilxiginnaa keessaanis ta’e diidan dhipina guddaa keessa seeneera. Kanaaf, Oromootti “hoggana kee sii hiikne, nu walliiin dhaabbadhu” ergaa jedhu dabarsuun, dargeessaa Oromoo irbaata qawwee (cannon fodder) gochuuf murtoo murtaahe dha. Itti fufinsa olola “Bilxiginnaan WBO waliin haasaa dhugaa gochuu fedha” jedhuuti.
- Dhumarratti, sababa kanaan namooti Bilxiginnaa galateeffachuu isin kajeelchisu (kadiree dabalatee), “borus sababa tokko malee na hidhi, gaafa na gadhiifte sirbeen galata siif galcha” jechaa akka jirtan isin hubachiisuu feena.
Hiikamniifi bilisummaan siyaasa Oromoo, qabsoo ilmaan isaatiin qofa mirkanaaha!
Ajaja Olanaa ABO-WBO
Fulbaana 5, 2024

