Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Uummataaf Hin Yaadne Dhumni Isaa Dhabamuu Dha (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Qeerroon Bilisummaa Oromoo sochii warraaqsa biyyaalessa Oromiyaa bifa ijaaramee fi qindoomina qabuun Ebla bara 2011 irraa eegaluun sochii guddaan taasifamaa hanga bara 2014tti irraa jalaan injifannoo galmeessaa as gahame. Bara 2014 irraa kaasee ganna shanii(5)f itti fufiinsan uummata keenya hiriirsuun falmannee falmachiisaa bara 2018 diina keenya kan ta’e sirna EPDRFtti xummura tolchuun keenya ni yaadatama. Haa ta’u malee hanqinoota fi laafinoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo bira tureen injifannoon Dhiiga fi lafee uummata Oromootin argame butamee harka booddessitootaa seene. Ayyaalaallattooni fi daldaltootni siyaasaa maqaa qabsoo Oromootiin daldalaa jiraachuu baran akka waan uummanni Oromoo bilisoomee fakkeessuun waltajjiiwwan garagaraa irratti bilisummaa lallabaa turan. Maqaa Oromootu aangoo qabate ykn mootummaan kunu mootummaa Oromooti jedhuun uummata Oromoo gowwoomsanii burjaajii hamaa keessa galchuun gabrummaa hamtuu keessatti nu kiyyeessan.

Qaruuteewwan sabaa kan ta’an WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo shira kanatti dursanii dammaquun qabsoo bilisummaa finiinsuu itti fufan. Qabsoo hadhooftuu uummata keenya waliin ta’uun Wareegama qaalii itti baasuun falmaa bilisummaa fi Walabummaa biyya keenya Oromiyaaf gaggeessaa turreen injifannoo dachaa galmeessuun diina keenya kufaatii isa xummuraa irraan gahuun ifadha.

Ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti roorrifamaa jiraataniif dammaqiinsa fi waamicha qabsoo irra deddeebiin godhaa turreen mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo akka gabbatuuf injifannoon haar’a mul’atu kuni cufti bu’aa qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ABO-WBO akka ta’e nama hundaatuu hubata jennee amanna.

Akkuma argaa jirru gidduu kana guutuu biyyattii keessatti diddaan ykn gaaffiin mirgaa ogeessota fayyaatiin eegalame jabaatee finiinuu irraa kan ka’e Bilxiginnaa fi ergamtoonni Bilxiginnaa rifaatuu hamaa keessa buutee jirti.

Haaluma kana sababeeffachuun sochii ogeeyyiin fayyaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiran kana ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa gabaabaa armaan gadii kana baasun deeggarsa isaanif qabnu ibsuu barbaanna.

  1. Yeroon kuni uummata Oromoo hundaaf yeroo kam iyyuu caalaatti yeroo murteessaa ta’uu hubachuun uummanni Oromoo hundi biyya keessaa fi alaa osoo hin jedhin bakka jirtan hundaa harka wal qabachuun tokkummaan qabsoo ABO-WBOn finiinsaa jiru cinaa akka dhaabbattan waamicha keenya irra deebinee isiniif dabarsina. 
  1. Rakkoon Amma Ummanni biyyattii keessa jiruuf dubbachuu sodaatee keessatti gumgumaa jiru hedduu dha. Keessattuu rakkoon qaalayinsa jireenyaa, Beenzila konkolaataa, meeshaalee gabaa keessaa, saamicha maqaa gibiraa adda addaan  akkasumas magaalaa keessa Ummata maqaa Koriidariin buqqisuun, ajjeechaa, hidhaa akkasuma dararaa hama lammii biyyattii keessaf alatti argaa jiran hundi gaaffii Ummanni keenya Mootummaa kana gaafatuu dha. Mootummichis Ummata kana kabajee gaaffisaa deebisuu mitii dhaga’uufuu fedhii kan hin qabne ta’uu hubattanii falli jiru tokkichi gaaffiin hiree murteeffannaa Oromoo akka dhugoomuuf qabsoo isaa jabeessuun murteessaaf dirqama akka ta’e isin hubachiifna.

Walumaa galatti warraaqsi uummata bal’aa sirna kamiiyyuu akka buqqisuu danda’u hubannee akkuma sirna EPDRF waggoottan 27f dhiiga nu xuuxaa turte of-irraa buqqifne sana sirna bilxiginnaas irree tokkoon kaanee akka of-irraa buqqifnu uummata Oromoo hundaaf irra deebiin waamicha keenya taasifnaaf. Mootummaan ofittoo akkasii, kan uummataan hin ijaaramne, uummataaf hin jiraanne, uummataaf hin yaadne dhumni isaa dhabamuu akka ta’e ifa galaa dha.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa!

Caamsaa 10, 2025

Injifannoo Uummata Oromoof!

Finfinnee Oromiyaa

Exit mobile version