• Fri. Mar 27th, 2026

Mootummaan Uummataaf Hin Yaadne Dhumni Isaa Dhabamuu Dha (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

May 11, 2025

Qeerroon Bilisummaa Oromoo sochii warraaqsa biyyaalessa Oromiyaa bifa ijaaramee fi qindoomina qabuun Ebla bara 2011 irraa eegaluun sochii guddaan taasifamaa hanga bara 2014tti irraa jalaan injifannoo galmeessaa as gahame. Bara 2014 irraa kaasee ganna shanii(5)f itti fufiinsan uummata keenya hiriirsuun falmannee falmachiisaa bara 2018 diina keenya kan ta’e sirna EPDRFtti xummura tolchuun keenya ni yaadatama. Haa ta’u malee hanqinoota fi laafinoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo bira tureen injifannoon Dhiiga fi lafee uummata Oromootin argame butamee harka booddessitootaa seene. Ayyaalaallattooni fi daldaltootni siyaasaa maqaa qabsoo Oromootiin daldalaa jiraachuu baran akka waan uummanni Oromoo bilisoomee fakkeessuun waltajjiiwwan garagaraa irratti bilisummaa lallabaa turan. Maqaa Oromootu aangoo qabate ykn mootummaan kunu mootummaa Oromooti jedhuun uummata Oromoo gowwoomsanii burjaajii hamaa keessa galchuun gabrummaa hamtuu keessatti nu kiyyeessan.

Qaruuteewwan sabaa kan ta’an WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo shira kanatti dursanii dammaquun qabsoo bilisummaa finiinsuu itti fufan. Qabsoo hadhooftuu uummata keenya waliin ta’uun Wareegama qaalii itti baasuun falmaa bilisummaa fi Walabummaa biyya keenya Oromiyaaf gaggeessaa turreen injifannoo dachaa galmeessuun diina keenya kufaatii isa xummuraa irraan gahuun ifadha.

Ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti roorrifamaa jiraataniif dammaqiinsa fi waamicha qabsoo irra deddeebiin godhaa turreen mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo akka gabbatuuf injifannoon haar’a mul’atu kuni cufti bu’aa qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ABO-WBO akka ta’e nama hundaatuu hubata jennee amanna.

Akkuma argaa jirru gidduu kana guutuu biyyattii keessatti diddaan ykn gaaffiin mirgaa ogeessota fayyaatiin eegalame jabaatee finiinuu irraa kan ka’e Bilxiginnaa fi ergamtoonni Bilxiginnaa rifaatuu hamaa keessa buutee jirti.

Haaluma kana sababeeffachuun sochii ogeeyyiin fayyaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiran kana ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa gabaabaa armaan gadii kana baasun deeggarsa isaanif qabnu ibsuu barbaanna.

  1. Yeroon kuni uummata Oromoo hundaaf yeroo kam iyyuu caalaatti yeroo murteessaa ta’uu hubachuun uummanni Oromoo hundi biyya keessaa fi alaa osoo hin jedhin bakka jirtan hundaa harka wal qabachuun tokkummaan qabsoo ABO-WBOn finiinsaa jiru cinaa akka dhaabbattan waamicha keenya irra deebinee isiniif dabarsina. 
  • Ogeeyyiin fayyaas ta’ee barsiisonni guutuu Xoophiyaa keessa jirtan osoo kutaan, sabaan Amantiini fi muummee barnoota keessaniin wal hin qoodin diddaa eegaltan kana jabeessitanii akka itti fuftan irra deebinee isin yaadachiifna. Gaaffiin keessan gaaffii siyaasaa osoo hin taane gaaffii mirga lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu isaa uummanni biyyattii hundi hubatee akka isin cinaa dhaabbatuuf qooda nurraa eegamu kamuu ni goona. Dantaa (faayidaa) namooti muraasni gaaffii mirgaa gaafachaa jirtan kana jala dahatee argatuun akkasuma Doorsisa, hidhaa fi jaarsummaa gowwoomsaa  karaa kaadiree fi ergamtoota isaa deemaa jiru sodaattanii ykn gowwoomfamtanii daandii eegaltan osoo maayyiin hin baasin akka daandicha irraa hin maqne jabeessinee isiniif dhaamna.
  • Gaafii Ogeeyyii fayyaa, barsiisaa, akkasuma hojjettoota Mootummaa sekteeroota Adda addaa gaafatan qajeeltoon deebisuu dhiisanii, doorsisuuf yaaluun Abidda qabatee boba’aa jiru irratti Gaazii (Beenzila) furfissuudha malee, Bilxiginnaan abadan sochii kana doorsisaan dhaabuu hin dandeessu. Kanumaa irraa ka’un gaaffii rogaa hundaan sirna biltsiginnaa irratti ka’e addeessaa ammaan deebii laachu dhiisuun balaa biyyattii fiduuf itti gaafatamummaa kan qabu sirna bilxginnaa ta’u gamanumaan hubachisanaa.
  • Qaala’iinsi jireenyaa lammiilee biyyattii hunda akka ibidda saafatti  waadaa jiru eenyu jalaayyuu dhokataa miti. Kanaafuu hojjettoonni mootummaa seektaroota gara garaa keessa jirtan gaaffiin Ogeessonni fayyaa gaafataa jiran kuni gaaffii hunda keessanii ta’uu hubattanii diddaa ogeeyyiin fayyaa eegalan kanatti akka dabalamtan waamicha isiniif taasifna.
  • Daldaltoonni fi abbootiin qabeenya biyyattii sirna bilxiginnaatiin kaappitaalli keessan hangam akka quucare isinuu ni beektu. Bilxiginnaan misooma kooriidarii jechuun manneen jireenyaa, manneen daldalaa, fi gamoowwan gurguddaa diigee lammiilee hedduu hojii dhabeeyyii fi mana malee hanbisee jira. Manneen diigamaniif beenyan kanfalame hin jiru. Kana qofa osoo hin taane daldalaan tokko dirqamni inni qabu gibiraa fi ashuuraa qofa kanfaluu ta’ee osoo jiruu bilxiginnaan sababoota uffata waraanaa, nyaata waraanaa, hidhannoo waraanaa, misooma koorii-darii, buusaa fi gonofaa kkf jechuun diinagdee keessan quucarsaa jirti.  Adeemsi kuni jaalattaniis haa ta’uu osoo hin jaalatin tumsi isin sirnichaaf taasisaa jirtan isinis hawaasa keessaa dhalattanis balleessaa akka jiru hubattanii waamicha keenya cinaa akka dhaabbattan maqaa ummata Oromoof QBO isin gaafanna.
  • Ilmaan Oromoo sirna kana keessatti maqaa qaama nageenyaa, poolisii idilee, raayyaa, ittisaa Biyyaa, rippaabilikaan gaardii, milishaa fi farra riphee lolaa ta’uun abbootii, haadholii fi obboloota keessan ajjeesaa fi dararaa jirtan kana dhaabdanii sirna qarqara kufaatii irra gahe kana keessaa harka keessan fudhachuun ofis, uummata keessanis, akka baraartaniif waamicha isiniif taasifna. Warra mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamuu feetaniif balballi banaa ta’uu akkasuma isa jiruu fi jireenya isaa gaggeeffachuu fedhuufis hawaasa keessan dhiifama gaafattanii nagaan jiraachuun akka dandeessan jabeessinee siniif dhaamna.
  • Qonnaan bultoonni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti aarsaa namuu hin kanfalle kanfalaa jiru. Kutaalee hawaasaa keessaa qonnaan bulaan keenya addatti rakkoowwan hammaataa armaan gadii dabarsaa jira; WBO waliin hidhata qabdu jechuun manaa fi meeshaalee manaa jalaa gubuu, ooyruu isaa akka inni hin qotanne taasisuu, yoo facaafate akka inni hin haammanne ooyruu gubbaatti jalaa gubuu, lafa oomisha qamadiif hin oolle dirqiin qamadii akka facaasan taasisuu, xaa’oo dur mootummaan gatii xiqqaan dhiyyeessuuf dhoorkatamanii harka nama dhuunfatii gatii qaaliin bituu, gibira humnaa olii itti fe’uun akka isaan maatii isaanii hin dandeenye taasisuu. Maqaa uffata milishaa, nyaata milishaa, inshuraansii fayyaa, buusii fannoo diimaa, fi buusii buusaa gonofaa jechuun baasii adda addaaf saaxilamuu. Maqaa ijoollee keetu bosona keessa jira jedhuun maatii fi ilmaan isaanii hidhuu, ajjeesuu fi qa’ee irraa buqqaasuu. Kanaafuu rakkinoonata kana hundaafuu furmaanni waaraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOn gaggeessaa jiru tumsuu qofa ta’uu hubattanii akka waan dandeessaniin sirna kana ofirraa buqqisuu irratti  qooda bahattan waamicha isiniif taasifna.
  • Barattoonni ykn dargaggoonni Oromoo sababoota gara garaatiin barnoota keessan sirnaan barachaa hin jirtan, yoo barattanis hojii dhabeeyyii ta’uun maatii keessanitti deebitanii hirkattummaan jiraataa jirtu. Kanaanis gahe jedhee osoo isin irraa hin hafne sirni Bilxiginnaa WBO waliin hidhata qabdu jechuun isin ajjeesaa, isin hidhaa fi isin baqachiisaa jira, warra kana irraa hafe immoo biyyi weeraramaa jirti jechuun dirqiin isin ukkaamsee mooraa leenjii waraanaa isin galchuun ibiddaaf isin qopheessaa jiru. Waraana diinaa taatanii deebitanii abbaa fi haadha keessan ykn obboleessa fi obboleettii keessan ajjeesuu irra ammuma irraa gara mooraa waraanaa Bilisummaa Oromootti dabalamuun ummata keessan kiyyoo kolonii kana jalaa akka baaftan isin gaafanna. Warri sana hin dandeenye sochii karaa nagaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisutti dabalamuun diddaa keessatti akka qooda fudhattan isin gaafanna.
  • Yeroo ammaa kana Murni Bilxiginnaa karaa ergamtoota ishee Kaadiree fi Kaabinoota akkasumas caasaa tikaatiin humna baratee, Ummata Oromoo bal’aa tajaajilaa jiru, kana daran itti xiyyeeffattee waan jirtuuf, Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhimma kana bakka jirutti duuka bu’uun sagalee ta’aa, wajjiin ijaaramaa sochii amma jiru kana tooftaa fi tarsiimoo itti baasuun sadarkaa gaaffiileen Ogeeyyii fayyaa fi barsiisaa irra darbee sochiin kun sadarkaa barattoota, daldaltoota, qonnaan bultoota fi Ummataa Oromoo bal’aatti akka ol guddatuuf qooda keessan akka baatan jenna. Gaaffin Ogeeyyin Fayyaa fi barsiisonni gaafachaa jiran, gaaffii daballii mindaa qofa odoo hin taane gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef gaaffiin kun ammoo gaaffii ummata keenya hundaa ta’uu hubattanii cinaa akka dhaabbatattan isin gaafanna.
  1. Rakkoon Amma Ummanni biyyattii keessa jiruuf dubbachuu sodaatee keessatti gumgumaa jiru hedduu dha. Keessattuu rakkoon qaalayinsa jireenyaa, Beenzila konkolaataa, meeshaalee gabaa keessaa, saamicha maqaa gibiraa adda addaan  akkasumas magaalaa keessa Ummata maqaa Koriidariin buqqisuun, ajjeechaa, hidhaa akkasuma dararaa hama lammii biyyattii keessaf alatti argaa jiran hundi gaaffii Ummanni keenya Mootummaa kana gaafatuu dha. Mootummichis Ummata kana kabajee gaaffisaa deebisuu mitii dhaga’uufuu fedhii kan hin qabne ta’uu hubattanii falli jiru tokkichi gaaffiin hiree murteeffannaa Oromoo akka dhugoomuuf qabsoo isaa jabeessuun murteessaaf dirqama akka ta’e isin hubachiifna.

Walumaa galatti warraaqsi uummata bal’aa sirna kamiiyyuu akka buqqisuu danda’u hubannee akkuma sirna EPDRF waggoottan 27f dhiiga nu xuuxaa turte of-irraa buqqifne sana sirna bilxiginnaas irree tokkoon kaanee akka of-irraa buqqifnu uummata Oromoo hundaaf irra deebiin waamicha keenya taasifnaaf. Mootummaan ofittoo akkasii, kan uummataan hin ijaaramne, uummataaf hin jiraanne, uummataaf hin yaadne dhumni isaa dhabamuu akka ta’e ifa galaa dha.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa!

Caamsaa 10, 2025

Injifannoo Uummata Oromoof!

Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading