• Thu. May 14th, 2026

Odaa jirma guddaa Dameen baala yaasuu Jaala koo akkam jirtaa? Koodee diina raasuu, Caayaa Qeerroo

May 11, 2025

Odaa jirma guddaa
Dameen baala yaasuu
Jaala koo akkam jirtaa ?
Koodee diina raasuu.

Leenca onnee gaaraa
Urjii lixa biiftuu
Akkam siif ta’eera
Bakkeen ati ciiftuu ?

Quuqaa cinaacha Koo
Meela wiirtuu dugdaa
Erga addaan baanee
Rafee hin beekuu takkaa

Siyadeen si Kaasaa
Maqaa keen dhaadhadhee
Leenca fakkii namaa
Yooman si dagadhee ?

Gootummaa keetu ifee
Dura koo dhaabataa
Dhiira onneen gaaraa
Seenaatu si yaadataa

Jabaa jabinnisaa
Jechootarra caaluu
Jiraa qofaan mitiim
Du’aa kee sodaatuu.

Cichoomina keetuu
Gootumma Kee ibsaa
Amanamummaan Kee
Silaa hunda dursaa.

Qulqulluu xaliilaa
Makaaf booruu hin qabnee
Jaal shoddee jedhama
Warri Seenaa hin barree.

Isa gantuun galtee
Maqaa isaa sodattuu
Gaafa shoddee waaman
Fincaaniin of faaltuu

Isa fakkii leencaa
Barbadeessaa roorroo
Barsiisaaf ogessaa
Ba’uuressaa Kaayyoo

Jechuu Isa hin ibsuum
Nan fakkeessaf malee
Goota gootummaa isaa
Addunyaanuu ibsee

Daandii kee qabannee
Faanakeerra yaanaa
Dhaalotni siboodaa
Dhaaltuu Kee siif taanaa

Kaayyoo keerraa maqnee
Mana gumaa hin seennuu
Riqicha keen ceenee
Akka galma geenyuu

Waadaa siif galleerra
Nuti dhalootni qubee
Galatoomi jaaloo
Qalmni koos dhumee.

Xiqqoo sagaleesseen
Walaloon qophessee
Yaadannoo Keef jechan
Sii barreesse shoddee

Barreessanii:- Galma Dhugaa

@Caayaa Qeerroo

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading