Guyyaa galfata Qabsoo Bilisummaa Oromoo Dhiiga fi Lafeen nutti laatanii darbanidha. (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo) https://www.facebook.com/share/1Y17rR8UaD/
Qabsaa’onni Qabsoo Bilisummaa Oromoo afaan qawweetiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) n gaggeessaa jiruu fi Jireenya dhuunfaa keessanii dhiiftanii uummata oromootii fi Oromiyaaf jecha baddaa fi gammoojjii Oromiyaa keessatti qorraa fi aduu, beela fi dheebuu dandamachuun diina keessan kuffistanii kufaa jirtan Baga baatii Ebla baatii Goototota Oromoo nagaan geessan.
Itti dabaluun miseensonni fi mararfattoonnii Qabsoo Bilisummaa Oromoo biyya keessa fi biyya ambaa jirtan, miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo bobaa diinaa Jala teessanii falmaa Bilisummaa gaggeessaa jirtanii fi Uummanni Oromoo bal’aan baga Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo nagaan geessan baga geenye. ABOn bara 1978 walakkeessa irraa kaasee hanga dhuma 1979tti haala akkaan rakkisaa keessa ture.
Yeroon kun yeroo lolli Somaaliyaa fi Itoophiyaa dhumatee waraanni Ziyaad Barree ariyamee bahedha. Mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal-irraa hin citne itti bobbaasee lola jabaa ABO waliin geeggessaa ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaatti seene. Bara sana haalli jiru ulfaataa waan tureef Qunnamtiin Waraana Bilisummaa Oromoo illee addaan citee waraanichi ni faca’a yaaddoon jedhu guddaa ture.
Garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo akka yaadda’ame sana hin taane; duula Dargii of irraa qolachuun injifannoo argatee Amajjii 1,1980 walitti dhufuun ayyaana guddaa ayyaaneffate. Yeroo sanarraa ka’uunis Amajjii 1 bara baraan guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoofi seensa Bara haaraa jedhamee akka kabajamu ABOn murteesse. Hanga har’aattis dhalootaa dhalootatti darbuun kabajamaa jira. Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humna dargii cabsuun injifannoo gudda argate. Hoogganoonni ABOs injifannoo gama Waraanaan argame gama Siyaasaanis itti fufsiisuuf bitootessa 1980 keessa Hoogganoonni Arsii, Baaleefi Harargee irraa walitti dhufan. Hoogganoonni Dhaabaa biyya alaa turanis Mootummaa Somaaliyaa waliin dubbachuun Waajjirri ABO akka Moqaadishootti banamu taasisan.
Hoogganoonni ABO haala mijataa sanatti fayyadamuun Hoogganoonni biyya keessaa fi alaa qaamaan wal arganii dhimma Jaarmiyaa Dhaabaa irratti mari’iachuun murtii irra ga’uuf yeroo murteessaa ta’ee argame. Kanaanis Hoogganoota ABO Oromiyaa jiran keessaa jilli tokko kan Hayyuu Duree fi Itti aanaan Hayyuu Duree keessatti argamu akka gara Moqaadishootti bobba’an murtaa’e. Akka kanatti Hoogganoonni ABO kudhan;-
1ffaa. Jaal Bariisoo Waabee ( Jaal Magarsaa Barii) – Hayyuu Duree ABO yeroosii.
2ffaa. Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) – Itti Aanaa Hayyuu Duree ABO yeroosii.
3ffaa. Jaal Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikkuu)
4ffaa. Jaal Doorii Barii (Yiggazuu Bantii)
5ffaa. Jaal Falmataa(Umar Caccabsaa)
6ffaa. Jaal Faafam Dooyyoo
7ffaa. Jaal Irra aanaa Qacalee (Dhinsaa)
8ffaa. Jaal Dhaddachoo Boruu
9ffaa. Jaal Dhaddachoo Mul’ataa
10ffaa. Jaal Marii Galaan gara Somaliyaatti bobbaa isaanii itti fufan.
Hoogganoonni ABO kunneen galfata Qabsoo Bilisummaa fuudhanii imala isaanii itti fufan. Deemsa guyyaa muraasaa booda gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniiggaa jedhamu yeroo gahan garuu haalli isaan hin eegne isaan mudate. Bakka sana humna waraana Somaaliyaa irraa hafee biyya saamuu fi jeequ shiftoota Ziyaad Baarreetu ture. Hoogganoonni ABOs osoo hin beekin marfama waraana shiftaa somaaliyaa seenan. Waraanni Somaaliyaa sunneen jibba guddaa ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraa waan qabaniif Hoogganoota ABO kanneen qabuun hedduu hiraarsan. Uffata irraa baasuun dararuu itti fufan. Harka duubatti hidhanii reeban, dararaa guddaa irran ga’anii, osoo lubbuu isaanii hin galaafatinis caarraa tokko kennaniif innis: warri Kiristaana taatan gam-tokkotti, warri Islaama taatan gama biraatti bahaa jechuun Amantaan addaan qooduu yaalan. Gootonni Hogganoonni ABO kunneen garuu nuti Oromoo jennee baane malee kiristaanaaf musiliima jennee hin baane, yoo nu gadhiiftan wal faana nu gadhiisaa yoo nu ajjeeftan ammoo wal faana nu ajjeesaa jechuun gootummaan Oromummaaf dubbatanii akeeka itti manaa ba’aniif amanamaa ta’an. Shiftoonni somaaliyaa ziyaad baarreetiin hoogganaman sun silaa Warra Kirstaanaa Ajjeesuun warra Musiliimaa immoo gadi dhiisuuf turan, garuu hoogganoonni ABO Oromummaaf mana ba’an nuti Oromoodha jechuun guca Oromummaa dhiiga isaaniin ibsan. Shiftoonni Ziyaad Baarrees ejjennoo Hogganoota ABO erga hubatanii booda Ebla 15 bara 1980 hoogganoota jajjaboo ABO kudhan gara jabeenya guddaan ajjeesuun boolla tokkotti awwaalan.
Gootonni Hogganoota ABO Oromummaafi Oromiyaaf jecha harka shiftootatti dhumanii, boolla tokkottis awwaalaman. Hoogganoonni ABO Musiliima ta’an warra kaan irra adda ba’uun lubbuu isaanii olchuu ni danda’u turan, garuu isaan Oromummaaf gatii kennuun hiika jaallummaa isa dhugaa agarsiisanii wareegamaaf of Kennan. Akeeka qulqulluu ABO sana irratti hadhaa du’aa waliin waliif dhandhaman, Oromummaa dhiiga fi lafee isaaniin gadi dhaabanii daandii dhiigaf lafeen saaqan. Yeroo Hoogganoonni ABO Hayyuu Duree fi Itti aanaa Hayyuu Duree dabalatee hoggannoonni olaanoo Dhaabichaa itti wareegaman yeroo itti ABOn sirnaan gad of dhaabaa tureedha.
Hoogganoonni Dhaabichaa altokkotti akkasiin dhumachuun dukkana guddaa mooraa ABOtti fidee ture. Dukkana sana keessaa qabsoon ba’e. Waggaa tokko boodas wareegamni ulfaatan kan Shinniiggaan wal fakkaatu Dirree Dhihaatti Hogganoota ABO muudatee ture.
Hogganni ABO hafe wareegama Ebla 15, 1980 Shinniggaatti mudatee fi Mudde 23, 1981 Dirree Dhihaatti mudate obsa fi Murannoo keessa darbuun Hogganni ABO bara 1984 mari’atanii Murteessuun Bara 1985 irraa eegalee Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo ta’ee bara baraan akka kabajamu ABOn labse.
Bara 1985 irraa eegalee Eebilli 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamuun bosona Oromiyaa fi gammoojjii biyya ormaa keessatti sabboontota Oromoon kabajamaa turee hara’a immoo sabboontota ilmaan oromootiin biyya ambaa fi guutuu Oromiyaa keessatti bifa namatti toluun kabajamaa jira. Addi Bilisummaa Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kallachummaan taligaa ture keessatti uummata Oromoo dammaqsuun, ijaaruun fi warraaqsatti galchuun warraaqsicha taligee injifannoowwan cuccululuqoo hedduus galmeessee Jira. Dhalachuun Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromootis hojii boonsaa ABOn hojjetee itti milkaa’e keessaa isa hangafaati. ABOn qabsoo hidhannoo cinaatti warraaqsi uummata bal’aa keessatti sochiin dargaggoota fi barattoota oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo xummura itti tolchuuf murteessaa ta’uu isaa erga hubatee booda caasaa isaa biyya keessaa qabutti dhimma ba’uun jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka dhalatuuf murtoo dabarse.
Murtoo kana irra dhaabbatamee baatii Eblaa bara 2011 ( waggaa 15 har’aa) jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo yayyabame. Jaarmayaan Qeerroo bilisummaa oromoos bifa jaarmayaan erga yayyabamee booda warraaqsa barattoota Oromoo yeroo garaagaraatti bifa faffaca’aan taasifamaa ture sana abbummaan ofitti fudhatee warraaqsicha taliguuni fi sabboontota Oromoo caayaa tokko jalatti ijaaruun amna Qabsoo Bilisummaa Oromoo gara boqonnaa biraatti ceesisuu danda’ee jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo bobaa diinaa Jala taa’uun warraaqsa uummataa qindeessuu fi taliguu cinaatti sabboontota Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessaa seecca’uun gara mooraa leenjii Waraana Bilisummaa Oromootti erguun mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo gama hidhannootinis akka gabbatuuf gahee leencaa bahataa ture, bahachaas Jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ebla 15 gaafa yaadatu galfata jaallan irbuu shinniggaatin itti laatan sana haaromfachuu fi guyyaa hundeeffama isaas ni yaadata. Kanaafuu nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ebla 15 Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo bara 2026 ilaalchisee ibsa ejjennoo armaan gadii baafanne;-
- Uummanni Oromoo bal’aan erga bara gita bittaa habashootaa jalatti kufee, akka waggoottan 8 darban kanaatti rakkatee,hiraarfamee, ajjeefamee fi qe’ee irraa buqqaafamee hin beeku. Kanaafuu, Uummanni Oromoo guutuun sirna shiftaa naatoo hin qabne kana ofirraa qaarisiisuuf Qabsoo Bilisummaa Oromoo kallachummaa ABO_WBOtiin gaggeeffamaa jiru cinaa dhaabbattanii akka xummura itti tolchitan waamicha isiniif taasifna.
- Ilmaan Oromoo sirna kana keessa teessanii uummata keessaa baatan kana gidirsuu fi ajjeesuun umrii abbaa irree ofii fi uummata keessan irratti dheeressaa jirtan yeroon isin gara mooraa Qabsoo bilisummaa oromootti deebitanii ofii fi uummata keessan baraartan amma ta’uu isin yaadachiisna. Sabboontonni Oromoo Tika, poolisii idilee, Milishaa, Raayyaa ittisa biyyaa ,farra riphee Lolaa,fi hooggansa siyaasaa biltsiginnaa keessa jirtan balballi mooraa qabsoo bilisummaa oromoo yeroo kamiiyyuu banaa ta’uu hubattanii gara mooraa qabsoo bilisummaa oromootti akka dhuftan irra deebinee waamicha keenya isiniif haaromsina.
- Dargaggoonni fi qeerroon oromoo dantaa yerootiif jettanii murna sirni nama nyaataa mooraa qabsoo bilisummaa oromoo ittiin diiguuf maqaa “Gamtaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo” jechuun hundeesse sana keessatti qooda fudhataa jirtan osoo yeroon hin darbin gara uummata keessaniitti akka deebitan waamicha isiniif taasifna. Obbolaan wal dhabanii wal waraanaa Jiran hin jiran. “Afaan qawwee obboloota gidduudhaa haa caallisu”isin jettanis shira bilxiginnaan xaxee ittiin isin dhamaasaa jiru hubattanii hojii itti jirtan irraa akka of qusattan isiniif dhaamna. Yoo dhuguma nageenya oromoo fi oromiyaatu isin yaaddesse ta’e shiftaa maqaa mootummaa dhahataa dugguuggaa sanyii uummata keenya irratti raawwataa jiru dhaabsisaa.
- Daldaltoota fi abbootiin qabeenyaa oromoo uummata keessan qaala’iinsa jireenyaa fi hojii dhabdummaan mankaraaraa jiru kana osoo argitanuu ija qabattanii bira darbuun waan qabdaniin sirna shiftaa kana utubaa jirtan sirni tokko lufee sirni biraas akka dhufu hubattanii sirna kana diinagdeen utubuu irraa akka of qusattan isiniif dhaamna.
- Artistoonni oromoo seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti shoora olaanaa ba’achaa turuun waan haalamuu miti. Garuu waggoota saddeettan darban kana artistoonni oromoo ogummaa Artii dhiisanii hojii siyaasaa irratti bobba’anii jiru. Keessumattuu gidduu kana immoo murna “Afaan qawwee obboloota gidduudhaa haa caallisu” jedhuun walii galanii mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguuf konsartii “Faana nagaa” jedhu qopheessuun uummata keenya burjaajessaa jirtan hojii itti jirtan kana achumatti dhiiftanii gara uummata keessaniitti deebi’uun seenaa keessan irraa akka xurii dhiqxan isinitti dhaammanna.
- Dhaabbileen siyaasa oromoo maqaa uummata oromootiin filannoo sobaa fi fakkeessii xoophiyaan waggaa Shan shaniin gaggeessitu kana irratti hirmaataa jirtan filannoo kana irratti hirmaatuun sirna shiftaaf beekamtii mootummaa dimokiraatawaa kennuu akka ta’e hubattanii filannoo kana keessaa of baasuun abbaa irrummaa biltsiginnaa akka mirkaneessitan waamicha isiniif taasifna. Uummanni oromoo bal’aanis filannoon walabaa fi haqa qabeessaa xoophiyaa keessatti gaggeeffamee akka hin beekne seenaa filannoowwan marsaa ja’an darban gaggeeffaman of duuba deebi’uun yaadattanii balaa fi gaaga’ama filannoo booda maqaa mormitoota filattan jechuun isinitti dhufu irraa akka of baraartan waamicha isiniif taasifna.
- Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromootis yeroo guyyaa kana yaadatu irbuu isaa haaromfachaa fi tumsa diinagdeen ABO_WBO tinnisaati.
- Sabboontonni ilmaan oromoo roorroon alagaa isinitti hammaannan biyya keessan irraa baqattanii biyyoota ambaa keessa jiraachaa jirtan uummata keessan dhumataa jiruu fi Oromiyaa dhabama irraa hambisuuf sirna nama nyaataa maqaa bilxiginnaan socho’u kana irratti mormii eegaltan kana babal’iftanii akka itti fuftan kabajaan irra deebinee waamicha keenya isiniif haaromsina.
- Abbootiin Gadaa, Abbootiin amantaa, Haadholiin siinqee, maanguddoonni fi haawwonni oromoo maqaa waamicha nagaa WBOf taasisaa jedhee mootummaan siyaasa rakashaa maqaa keessaniin daldalu kana irratti dammaqxanii waltajjii sobaa mootummaan isiniif qopheessu irraa akka qooda hin fudhanne kabajaan isiniif dhaamuu feena. Mootummaan dhuguma nagaa buusuu yoo barbaade mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoos harki isaa fi balballi isaa marii nagaaf yeroo kamuu banaa ta’uu uummanni oromoo bal’aan fi Addunyaa guutuunis quba qabdi. Kanaafuu isinis kana hubattanii qumaara siyaasaa maqaa keessaniin taphatamu dura akka dhaabbattan isin yaadachiifna.
- Uummanni oromoo bal’aan filannoo sobaa fi fakkeessii waggaa Shan shaniin xoophiyaan gaggeessitu kanaan jijjiiramni ni dhufa jettanii amanuun akka qooda irraa hin fudhanne, mootummaa nama nagaa manaa fuudhee ajjeesu, mootummaa nama nagaa hidhee maallaqa gaafatu, mootummaa qe’ee fi qabeenya uummataa ibiddaan gubee qe’ee oromoo golgoleeysaa jiru waliin filannoof dhiyaatuu fi filachuuf dhiyaatuun yakka seenaa ta’uu hubachuun karaa tokkichi oromoo fi oromiyaa nagaatti geessu karaa ABO_WBO akka hordoftan waamicha isiniif taasifna.
- Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Guyyaa Goototota Oromoo gaafa yaadatu guyyaa hundeeffama isaas ni yaadata. Qeerroon bilisummaa oromoo erga hundeeffamee har’a waggaa 15 gahee jira, garuu yeroo garagaraatti murnoonni hedduun jaarmaya kana irraa fottoqanii yeroo isaan maqaa Qeerroo bilisummaa oromootin dogoggoroota seenaa fi yakka uummata keenya irratti hojjetan argina. Uummanni oromoo bal’aan jaarmayaan Qeerroo bilisummaa oromoo Kaayyoo fi akeeka hundeeffameef irratti cichee Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiru jaarmayaa Qeerroo bilisummaa oromoo ABO_WBOn qajeelfamu akka ta’e akka nuuf hubattan isin yaadachiifna.
- Waluumaa galatti uummanni Oromoo bal’aan biyya ambaa fi biyya keessa jirtan jaarmayaa keessan ABO_WBO beekumsa, Humna namaa fi qabeenya qabdaniin bira dhaabbachuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo rarraga bilisummaa irra gahe kanatti xummura akka itti tolchitan waamicha isiniif taasifna.
Baga geessan, baga geenye jechaa guyyaan yaadannoo Goototota Oromoo Kun guyyaa milkii fi injifannoo akka nuuf ta’u hawwina.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo.
Eebla 15 bara 2026.
Injifannoon Uummata Oromoof!







