ONM-ABO Fulbaana 16, 2024
Kibba Liibiyaa magaalaa Sebihaa keessatti rooba cimaa roobeen yoo xiqqaate namoonni lama yoo du’an, 40 ammoo miidhamuu aanga’oonni naannoo Dilbata kaleessaa ibsaniiru
Kantiibaan magaalattii Belhaaj Aliin, “Manneen bishaan lolaa fi bishaan xuraa’aatiin liqimfamaniiru,” haalli jiru “balaa guddaadha” jechuun himan.
Magaalattii kan bulchu mootummaa Liibiyaa Bahaa keessatti kan argamu Osaamaa Hammadiidha
Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Sebiha gama isaatiin lammiileen hundi taateewwan dabalataa akka hin mudanneef qajeelfama nageenyaa akka hordofan dhaamaniiru.
Sanbata darbe Giddu-galli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa dhuma torban darbee kibba Liibiyaa keessatti obomboleettii hamaa fi roobni cimaan akka roobu akeekkachiisuun, kunis yaa’aa lagaa fi lolaa fiduu danda’aa jedhame.
Liibiyaan yeroo ammaa bulchiinsa wal morkatan lamaan bulfamti.
Mootummaa Tokkummaa Biyyaalessaa (GNU) kan UN’n beekamtii argate kan Dabe’ibehin durfamu Tiripoliitti, kan kutaa dhiha biyyattii to’atu, fi mootummaa Osaamaa Hammad, kan paarlaamaan muudame kan Beengaazii yoo ta’u naannoo bahaa fi kutaalee kibbaa kan bulchudha.
Filannoo paarlaamaa fi pirezidaantii gaggeessuuf tattaaffiin Mootummoota Gamtoomaniin durfamu irra deddeebiin kan dhaabbate yoo ta’u, kunis waldhabdee siyaasaa biyyattii dheeressuun haalli nageenyaa biyya boba’aan badhaate kanaa hammeesseera jechuun associated Press gabaaseera.

