Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti wal dhabdee keessoo waraana goolessituu PP mudateen koloneelli tokko ajjeefame

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Dantaa murna tokkoo fi dantaa mataa isaa qofa eeguuf kan bu’ureeffame, safuu fi ooda uummata nagaa kan hin beekne, akkasumas naamusni waraanummaa kan irraa hin ifne waraanni nama nyaataan impaayera bututtuu Itiyoophiyaa, wal dhabdee keessoo isaanii mudatuun bakkoota garaa garaatti irra deddeebiidhaan wayita wal ajjeesan ni mul’ata.

Haaluma kanaan, Fulbaana 13, 2024 godina Baha Wallaggaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee naannoo Nook jedhamuun waamamutti waraanni Bilxiginnaa dantaa fi faayidaa mataa isaaniif jecha wal dhabdee isaan mudateen, dhukaasa walitti banuudhaan, koloneela waraana faashistii PP kan ta’e, nama maqaan isaa  Gaashawuu Gizaachoo jedhamu rasaasaan ajjeesuu icciitiin keessoo isaaniitii miliqee ba’e ni mul’isa.

Akka maddeen himanitti, taatewwan akkanaa kun kan yeroo jalqabaaf raawwate akka hin taane himuun, murni nama nyaataan impaayerichaa miseensotuma isaafuu gara laafina tokkollee akka hin qabne dubbachuudhaan, dhuma irrattis ilmaan Oromoo osoo hin beekinis ta’e beekanii, akkasumas dirqamsiifamanii waraana diinaa ta’anii jiran, waamicha yeroo garaa garaatti ABO-WBO’tiin taasifamaafii jiru simatanii haala isaaniif danda’ameen mooraa diinaa keessaa akka ba’uu qabanis Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dubbatanii jiru.

Exit mobile version