ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Qeerroon Bilisummaa Oromoo harka isaanii qullaa diina taankii fi baankii qabu jala dhaabbachuun sirna Wayyaanee aangoo irraa yoo buusan murni bilxiginnaa ammoo carraa sana fayyadamuun dhiiga qeerroon dirree siyaasaa bal’ate sanaan aangootti ol ba’e.
Waggoota aangoo impaayerattii yaabanii kaasee garuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo murna bilxiginnaan galanni isaanii akka kuruphee adamfamuun jumlaan hidhamuu, ajjeefamuu fi dirqamaan qabamuun leenjii waraanaatti geeffamuu ta’ee jira.
Haaluma kanaan, godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Aabboo bakka addaa Qayyisaa jedhamutti Fulbaana 15, 2024 loltoonni PP dargaggoo maqaan isaa Saamu’el Yoonas jedhamu qabanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen eeran.
Dargaggoon kun badii tokko kan hin qabnee fi aanaa Anfilloo magaalaa Garjeedaa jiraataa kan ture yoo ta’u, osoo hin qabamin dura immoo hojiif gara aanaa Sayyoo deemuu isaa maddeen itti dabaluun ONM’tti himanii jiru.

