• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyootti dargaggoota hidhuun cimee itti fufe 

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 20, 2024

Qeerroon Bilisummaa Oromoo harka isaanii qullaa diina taankii fi baankii qabu jala dhaabbachuun sirna Wayyaanee aangoo irraa yoo buusan murni bilxiginnaa ammoo carraa sana fayyadamuun dhiiga qeerroon dirree siyaasaa bal’ate sanaan aangootti ol ba’e.

Waggoota aangoo impaayerattii yaabanii kaasee garuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo murna bilxiginnaan galanni isaanii akka kuruphee adamfamuun jumlaan hidhamuu, ajjeefamuu fi dirqamaan qabamuun leenjii waraanaatti geeffamuu ta’ee jira.

Haaluma kanaan, godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Aabboo bakka addaa Qayyisaa jedhamutti Fulbaana 15, 2024 loltoonni PP dargaggoo maqaan isaa Saamu’el Yoonas jedhamu qabanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen eeran.

Dargaggoon kun badii tokko kan hin qabnee fi aanaa Anfilloo magaalaa Garjeedaa jiraataa kan ture yoo ta’u, osoo hin qabamin dura  immoo hojiif gara aanaa Sayyoo deemuu isaa maddeen itti dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading