Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaatti hidhattootni sirnichaa qe’ee hawaasaa keessatti dishqaa fi ZU-23 dhukaasuun qabeenyaa mancaasuu, jiraattota hidhuu, reebuu fi qe’ee irraa buqqisaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024

Murni Faashistii PP siyaasa kiyya fudhachuu diddan, na deggaruu dhiistanii fi maatii qabsaa’otaati jechuun lammiilee nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuun  Oromiyaa dachee ibiddaa taasisee jira.

Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Qilleentii keessatti waraana faashistii PP’n hidhaa, reebichaa fi buqqaatiin jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufuu maddeen ONM’f eeran.

Fulbaana 20, 2024 waraanni faashistii PP milishoota sirnichaa of dura qabanii ganda Qilleentii jedhamutti barii barraaqaan marsuun namoota maqaan isaanii: 

  1. Ahimed Mahaammad Huseen, 
  2. Mahaammad Ahimed Sheek Muhee, 
  3. Hasan, 
  4. Abbaas Nuuruu, 
  5. Indiris, 
  6. Hasan Huseen fi 
  7. Kadiree kanneen jedhaman reebicha cimaa ta’e irraan ga’uun magaalaa Booraatti hidhuun ifoomeera. 

Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti namoonni kun namoota nagaa siyaasa irraa bilisa ta’uun ofii fi maatii isaanii kan jiraachisan ta’uu himuun, hidhattootni sirnichaa kaayyoo nam-tokkee tiksuuf bobbaafaman kun maqaa maatii qabsaa’otaati, ni deggartuu fi  daandii agarsiiftu jedhuun namoota kanneen gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun hiraarsaa akka jiran itti dabaluun himaniiru.

Dabalataan aanichuma ganda Sanqallee jedhamu keessatti waraanni faashistii PP gandicha keessa buufatanii jiran galgalaa fi ganama qe’ee hawaasaa keessa dhaabbachuun meeshaalee gurguddaa dishqaa, Zu-23 fi PKM dhukaasuun jiraattota shororkeessuu fi qabeenyaa namoota hedduu kan mancaasan yoo ta’u, sababa kanaanis jiraattotni lakkoofsaan hedduu ta’an qe’eef qabeenyaa isaanii dhiisuun ooyiruu qarqaraa fi firoottan isaanii biratti galaa akka jiran dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version