Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee Aanaalee Garaagaraa Keessatti Gidiraan Murna Bilxiginnaan Uummata Irratti Jabaachuun Dhagaa’ame

ONM-ABO Fulbaana 23, 2024 

Murni abbaa irree bilxiginnaan caaseffame maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun waggoota jahan darbanii kaasee hanga har’aatti ilmaan Oromoo gooleewwan Oromiyaa keessa jiraatan ajjeesaa, hidhaa, gidirsaa fi saamaa jira.

Tibbana godina Lixa Harargee  aanaalee garaagaraa keessatti murni maafi’aa Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun kaabinoonni gandaa fi milishootni uummata bahaa fi gala  dhowwaa jiru jechuun jiraattonni ONM’tti dubbatan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti magaalaa Baddessaa, magaalaa Bokee Haroo Bareedaa, Aradaa, Waccuu Gilley, Mi’eessoo, Asaboot fi Gumbii Bordoddee keessatti gidiraa fi dararri ummata irra ga’aa jiru daran jabaachuu odeessi nu dhaqqabe ni addeessa.

Bakkeewwan armaan olitti eeraman keessatti waraana murni maafiyaa PP bobbaaseen rakkoon nurra gahaa jiru hammana kan jedhamu mitis jedhaniiru.

Akka gabaasa argannetti rakkooleen uummata irra jiran kunis badii tokko malee gara mana hidhaatti guuruu, kan hidhan immoo yakka malee tursiisuun maallaqa humnaa olii  gaafachuu, maallaqa kan hin kaffalle yoo ta’e asumatti tortortu jechuun ganamaa fi galgala dorsiisa hidhamtoota irratti raawwachaa jiru jechuun dabaluun himaniiru.

Exit mobile version