ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Murni Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan dadhabee holola oofuun uummata Oromoo sobaan yakkee miidhaa jiru bilxiginnaan, loltoota isaa hawaasa dararuu malee loluuf haamilee hin qabne golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun jiraattota irratti ajjeechaa, hidhaa fi saamicha raawwachuu itti fufanii jiru.
Akkaataa kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Daannootti tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa maatii qabsaa’otaa saamuu itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Daannoo ganda Haroo Galeessaa jedhamu keessatti Onkoloolessa 6, 2024 nama maqaan isaa obbo Battuu Malkaa jedhamu badii tokko malee “ilma keetu bosona jira” jechuun loltoonni sirnichaa loon inni qabu jalaa ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namni kun nama nagaa deggeraa dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin taane yoo ta’u, ergamtoonni maafiyaa PP kun badii tokko malee sababa ‘Oromummaa’ isaa qofaaf saamanii jiraachuun ibsameera.

