Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabiitti waraanni faashistii PP maanguddoo ganna 85 tokko haala suukkanneessaa ta’een qaluun yoo ajjeesan, ogeessa fayyaa tokko ammoo hidhuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuun soorratee kan jiraatu Bulguu fi nama nyaataan waraana koloneel Abiy Ahimed, golee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa xinnaa fi guddaa, jaarsaa fi jaartii, akkasumas beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne hidhuu, ajjeesuu fi saamuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabiitti waraanni faashistii PP maanguddoo ganna 85 tokko haala suukkanneessaa ta’een qaluun yoo ajjeesu, ogeessa fayyaa tokko ammoo hidhuun eeramee jira.

Aanaa Laaloo Assaabii magaalaa Innaangoo ganda 02 irraa ji’a darbe keessa maanguddoo ganna 85 kan maqaan isaanii Ejersoo Bagujaa jedhaman osoo inni mana taa’ee daa’ima eegaa jiruu loltoonni sirnichaa gara mana isaa deemuun badii tokko malee haala suukkanneessaa ta’een aalbeen qalanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo, magaaluma kana irraa Onkoloolessa 3, 2024 ogeessa fayyaa maqaan isaa Dachaasaa Eebbaa jedhamu loltoonni sirnichaa badii tokko malee halkan bakka hojii isaatii ukkaamsuun onichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version