Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irratti saamichaa fi hidhaa raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024 

Golee Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi dararaa jira.

Akka kanaanis ergamtoonni Bilxiginnaa Onkoloolessa 12, 2024 araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti maqaa “deggersa paartii” jedhuun qarshii dhibba lama lama  saamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa addeessan.

Kana malees, loltoonni sirnichaa akkuma amala isaanii duraatti dararaa itti fufuun aradduma kana keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Ibsaa Alishuu,
  2. Abraahim Alishuu,
  3. Yaasin Sheekaa,
  4. Abdii Mahaammad Aliyyii fi kanneen biroo lakkoofsaan 26 ol ta’an ukkaamsuun hidhaatti darbatanii qarshii 1,200 dirqamaan irraa saamaa jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun ibsanii jiru.
Exit mobile version