Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Magaalaa Naqamtee keessatti loltoonni faashisistii PP hawaasa nagaa hidhuu, saamuu fi reebuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa ilaalcha namummaa tokkollee kan uummata Oromoof hin qabne ta’uun yeroo gara yerootti maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dha’anii uummata irratti saamicha ulfaataa, hidhaa fi reebicha raawwachaa jiru. 

Kanumaan kan walqabatu, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti loltoonni faashisisti PP hawaasa nagaa hidhuu, saamuu fi reebuu cimsee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Ergamtoonni Bilxiginnaa daldaltoota magaalaa Naqamtee keessaa maqaa “miindaa milishaa kaffalla” jedhuun dirqamaan uummata magaalichaa irraa maallaqa funaannachaa jiraachuu yeroo darbe isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, wayita ammaa kanas ittuma fufuun gosoota kaffaltii sadarkaa A, B fi C’tti adda qoodanii jiru.

Haaluma kanaanis sadarkaa A kan ta’an gibirri qarshii 2,000, sadarkaa B kan ta’an qarshii 1,000 fi sadarkaa C kanneen ta’an immoo qarshii 500 humnaan akka kaffalan dirqamsiisaa jiraachuu jiraattonni magaalicha  irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, lukkeeleen bilxiginnaa kun dararaa isaanii ittuma fufuun Onkoloolessa 19, 2024 badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf magaalaa Naqamtee irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Warqinash Damee,
  2. Solomoon Camadaa fi
  3. Bari’oo Amantee kanneen jedhaman ukkaamsuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 05’tti argamutti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, ergamtoonni PP dararaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu idileeffatan kunneen Solomoonii fi Bari’oo jiraattota jedhaman jalaa doqdoqqee qabanii waajjira poolisiitti galchuu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version