Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni Bilxiginnaa doqdoqqee jiraattotaa ugguran

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

“Doqdoqqeen Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fida” jedhanii yaaddoo qaban irraa ka’anii sodaachuun loltoonni faashistii Bilxiginnaa abbootii qabeenyaa doqdoqqee fi konkolaachistoota yeroo adda addaatti ugguruu fi qarshii humnaa olii adabaa kan turan ammas bifa adda addaan itti fufanii jiru.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa hunda keessaa ergamtoonni PP torban darbe irraa eegaluun doddoqqee hawaasni ittiin baadiyyaa fi magaalaa gidduu deddeebi’u ugguruun hanga gabaasni kun qindaa’etti doqdoqqeen 160 ol aanicha keessaa qabamuun waajjira poolisii aanichaa keessa jiraachuu jiraattonni addeessan.

Yeroo ammaa kana illee doqdoqqee argan qabuun ittuma guuraa jiraachuu fi hawaasni waan ittiin ba’ee galu dhabee rakkataa jiraachuun jiraattonni baadiyyaa irraa gara magaalaa akka hin deemne dhorkamuun rakkoo ulfaataan hawaasa qaqqabaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version