ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Gara jabeeyyiin ergamtoota PP goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa sobaa hawaasni hin qabne itti maxxansuun gochoota suukkaneessoo adda addaa reebichaa hanga ajjeechaatti raawwachuun godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti araddoota lama guutuu irraa hawaasa buqqisuun himamee jira.
Aanaa Cawwaaqaa araddaa Caffee Magartuu fi Daabanaa jedhaman keessaa loltoonni impaayerattii suphuuf halkanii fi guyyaa maggalan mana tokko osoo hin hambisin jumlaan ari’uun buqqisanii akka magaalaa fi buufatatti galan godhaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessan.
Hawaasni araddoota kanneenii ergamtoota sirnichaan buqqa’an kunneen badii tokko qabaataniif osoo hin taane, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkamanii qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa kan buqqa’an ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.
Torbanoota darban keessa ergamtoonni sirnichaa kunneen manneen hawaasaa guutummaa araddoota adda addaa keessaa ibiddaan gubanii barbadeessuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

